Updates#Dhugaatii_jabaa_Hin_dhugiin_Kan_jedhu_Macaafa_Qulqulluu_irratti_bakka_75tti_akka_caafame_beektaa? 1. #Daadhiin_wayinii_qullaa_sigodha_sisalphisa. Uma 9:20-26. 2. #Fira_dhiigaa_ykn_ijoolleekee_wajjiin_akka_ati_ejjitu_sitaasisa. S.uma 19:30-38. 3. #Dhugaatii_Nama_macheessu_hin_dhugiinaa_jedhee_Waaqayyo_abboomeera. S.Lew 10:9-11. 4. #Cuunfaa_muka_dhangaggaawu_hin_dhugiinaa! S.Lakk 6:3 5. #Dhugaatii_jabaan_albaadhessaa_fi_sagaagaltuu_sitaasisa. K.deebii 21:20 6. #Daadhii_Wayinii_yookaan_dhugaatii_cimaa_hin_dhugiinaa! K.deebii 29:5-6. 7. #Daadhiin_wayinii_ykn_dhugaatiin_jabaa_hadhaa_bofaa_isa_dhoksaatti_nama_ajjeesuudh. K.deebii 32:33. 8. #Daadhii_Wayinii_waanuma_nama_macheessu_irraa_ofeeggadhu! A.firdii 13:4, 7:14. 9. #Ati_hanga_yoomitti_machoofta? 1Seenaa 1:14 fi 15 10. #Dhugaatiin_jabaa_kun_akka_ati_duutuu_fi_ajjeestu_sigodha. Fakkeenyaaf Naabaal erga dhugee booda in du'e. 1Saam 25:32-38. 11. #Haxxummaa_hamaa_sibarsiisa. 2Saam 11:13. 12. #Amnoon_mucaan_Daawwit_dhugee_ture_gaafa_namaan_ajjeefame. 2Saam 13:28 fi 29. 13. #Beenhaadad_fi_jeneraalonni_32_dhuganii_machaa'anii_rukutamanii_dhuman. 1Mot 20:12-21 14. #Dhugaatii_jabaan_akka_tuffatamtu_sigodha.  Asteer 1:8-12. 15. #Daadhii_Wayinichaa_isa_firdiif_qophaa'e #irraa_jal’oonni #lafa_jiranii_ni_dhugu. Far 75:8 16. #jal’oonni #daadhii_wayinii_isa_humnaan_nama_irratti_ka’uudhaan #argamu_keessaas_ni_dhugu. Kana jechuun humnaan nama irratti akka ati kaatu sigodha. Fakk 4:17. 17. #Dhugaatii_jabaan_ogummaa_sidhabsiisa. Ogeessa hintaatu jechuudha. Fakkeenya 20:1. 18. #Dhugaatii_jabaan_hidhata_warra_dhugduu_sigodha. Fakkeenya 23:19 & 20. 19. #Hiyyeessa_sigodha. Baasii hintaaneef si saaxila akkasumas qaamaan illee namaan gadi sigodha. Fakkeenya 23:21. 20. #Madaahuu_qaamaa_sitti_fida. Fakkeenya 23:29-30 21. #Hawwa_hintaaneef_si_saaxila. Fakk 23:31 22. #Hadhaa_mar’ataas #tahee_keessakee_idda. Fakk 23:32 23. #Gara_dubartii_ejjituu_si_ilaalchisa. Fakkeenya 23:33 24. #Ofitti_amanamummaa_sidhabsiisa. Kana jechuun yaada tokko akka ati hinqabaanne , akka gabatee bishaan keessaa taata. Fakkeenya 23:34 25. #Miira_dhukkubbii_fi_miira_fayyina_qaamaa_siwallaalchisa. Fakkeenya 23:35. 26. #Eenyummaa_fi_kabaja_sidhabsiisa. Fkn 31:4 fi 5. 27. #Badiisatti_sigeessa. Fakkeenya 31:6 fi 7 28. #Gammachuu_miira_jireenyakeef_hinta'u. Lall 2:3, 12:8. 29. #Keessattuu_gaggeessaa_taatee_dhuguun_sirrii_miti. Fakkeenya 31:4. 30. #Kaayyoo_dhugaatii_dhuguu_malee_kaayyoo_biraaf_carraa_siif_hinlaatu. Isa 5:11 fi 12. 31. #Araada_dhugaatii_qofaan_akka_ati_gammaddu_sigodha. Isa 5:22 32. #Fedhii_nyaataa_sidhabsiisa. Isa 19:14. 33. #Jireenya_Abdii_kutannaa_keessa_sigalcha. Isa 22:12 fi 13 34. #Miira_dhandhammii_sidhabsiisa. Isa 24:9 35. #Dheekkamsa_Waaqayyoo_jalatti_sihambisa. Isa 28:1. 36. #Ulfina_mataakee_sidhabsiisa. Isa 28:3 37. #Firdii_qajeelaa_sijallisiisa. Isa 28:7 38. #Maaddii_kabajamu_hin_godhattu. Isa 28:8 39. #Jireenya_irra_deebii_malee_jireenya_haaraa_hinqabaattu. Isa 56:9-12. 40. #Laphee_ykn_Gurra_Waaqayyoon_dhagahu_hinqabaattu. Erm 35:2-14. 41. #Oobdii_ykn_iddoo_aarsaa_Waaqayyoo_akka_xureessitu_sigodha. Hisqi'el 44:21. 42. #Gaggeessummaa_sirrii_hin_gaggeessitu. Dan 5:2-3 43. #Qodaa_mana_Waqayyoo_akka_xureessitu_sigodha. Dan 5:3 44. #Waaqa_tolfamaa_siwaaqeffachiisa. Dan 5:4 45. #Waaqayyo_irratti_akka_kaatu_sigodha. Dan 5:23. 46. #Yaada_sibooji'a. Hose'aa 4:11 47. #Jal’ina #sihojjechiisa. Hos 7:5 48. #Daldala_jal'inaa #sibarsiisa. Yo'el 3:3. 49. #Gargaaraa_jal'ootaa #taatee_xureeffamuu_mana_Waaqayyoof_sababa_taata. Amos 2:8 50. #Sababa_baduu_namaa_taata. Amos 2:12. 51. #Sababii_dheekkamsa_Waaqayyoo_taata. Yo'el 1:1-4. 52. #Sobduu_sitaasisa. Miik 2:11. 53. #Hojii_hamminaatiin_hamootatti_si_ijaara. Nahoom 1:10 54. #Salphaatti_gowwoomta. Amb 2:5 55. #Sababa_dhugaatii_jabaa_nama_tokkoo_yoo_taate_dheekkamsa_Waaqayyoo_jalatti_hafta. Amb 2:15 56. #hin_yellaata. Ulfinnikee salphinatti geddarama. Amb 2:16. 57. #Hojjetaa_hin_amanamnee_taata. Mat 24:48_51. 58. #Hamoota_keessaa_tokko_sitaasisa. Luq 12:45 59. #Mootummaa_Waaqayyoon_ala_sigodh. 1Qor 6:10. Gal 5:21. #Dhugaatii_jabaa_dhuguu_dhiisuun_maaliif_gargaara? 60. #Xuraa’ummaa #irraa_si_oolcha. Dan 1:5-7. 61. #Hafuura_Qulqulluudhaann_guutamta. Luq 1:15. 62. #Akka_of_hindaganne_sigodha. Luq 21:35. 63. #Amalakee_akka_sirreeffattu_godha. Rom 13:13. 64. #Gaarummaatti_jiraatta. Rom 14:21. 65. #Hiriyyummaa_nama_amaneera_jedhee_machaa'u irraa_si_oolcha. 1Qor 5:11. 66. #Dammaqinaan_jiraatta. 1Tes 5:6-7. 67. #Nama_amane_taatee_akka_hin_dogoggorreef_si_oolcha. 1xim 3:8. #Macaafni_Qulqulluun_waa'ee #dhugaatii_jabaa_irratti_tajaajiltootaan_maal_jedha? 68. #Raajonni Dhugaatii_jabaatiin_akka_hinmachoofne_ykn_warra_of_hinganne_tahuu_qabu_jedha. 1xim 3:2, Tito 1:7-8 69. #Diyaaqonii_ykn_warri_waldaa_Kiristiyaanaa_keessatti_gargaartota_tahan_dhugaatiitti_akka_of_hingadhiisne_jedha. 1Xim 3:8. 70. #Maanguddoonni-dargaggoonni_dhugaatiitti_akka_of_hinganne_Jedha. Titos 2: 3 fi 4. 71. #Jireenya_isa_kanaan_dura_yeroo_saba_Waaqayyoo_hinta’in #jiraachaa_turtan_sana_hinjiraatiinaa_jedha. 1Phex 4:3-4. 72. #Dhugaatiidhaan_of_hin_balleessinaa_jedha. Efesoon 5:18 73. #Machooftanii_gadhiisiitti_jiraachuudhaan_guyyicha_isa_dhumaaf_akka_of_hin_daganne_jedha. Luq 21:34. 74. #Machiidhaan_Mootummaa_Waaqayyoo_akka_hin_dhabne_jedha. Gal 5:21. 75. #Dhugaatii_nama_macheessu_hawwuun_sirrii_miti_jedha. Fakk 31:4. Utuu bifa kanaan Macaafni Qulqulluun dhugaatii nama macheessu hin dhugiin jedhuutii "lakki dhugi  hin machaa'iin malee jedha " jettee amantta yoo ta’e sa'atii kana dubbisteetii kaasee sitti lakkaa’amuu jalqaba. Tarii natti ulfaata jettee yaadda ta'a mee luqqisii Macaafa Qulqulluu keessaa rakkoo kana furuuf kan nu gargaaru jira. Rom 12:2 “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” jedha. Kana irratti " yaada garaa keessanii haareeffachuudhaan of diddiiraa " jedha. Waa’ee kanaa dhimma araada garagaraa irratti yaada garaa keenyaan yoo of haaromsine malee wanta keessaa bahuu barbaannu keessaa bilisa ba'uu hindandeenyu. Duraandursinee miira sammuu keenya keessaa ka’ee " dhugi ! dhugi !" jedhu to'achuudha. Yeroo miirri kun nutti dhaga'amu bifa ittiin ofirra dabarsinu barbaaduudha. Fkn Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, faarfannaa dhaggeeffachuu , Dhuga-bahumsa garagaraa dhaggeeffachuu , fi wantoota jireenya hafuuraa keessa nu galchan hordofuudhaan miira kana to'achuu qabna. Kana gaafan jedhu altakkotti araada kana keessaa sibaasa jechuu koo osoo hin taane , adeemsa keessa bifa kanaan irraa bilisa bahuu dandeessa jechuu kooti. Waaqayyo si haa eebbiissu. Waan dubisteef  eebbifami. God bless u.

Mon, Dec 21 2020
            yaada_garaa_keenyaa_haageddarannu Waaqayyo_bara_Raajicha_Yoo'el sabnisaa_akka_yaada_garaa_isaa_geddaratuuf garasaatti_akka_deebi'uuf waamicha_dhiheesse. Yoo'el Dh.K.D bara 835 fi 800  gidduutti yeroo barresse kessa Yihuudonni , ykn guutummaan qomoo Israa'el Waaqayyo irraa galagaluu isaani arge. Silaa Waaqayyo kufaatii namaa fi baduu namaa waan hinjaallanneef , akkasumas gara-laafessa waan ta’eef akka deebi'aniif milikkitoota itti argisiise. Milikkitoonni kun -Hawwaannisa fi beelaan itti mul'atee ture. Barri sun bara kana natti fakkaata. Sababiinsaa jal'inaa fi walirratti ka’uu , lubbuu walii baasuu , waraana hiika hinqabne lola obbolaa gidduutu ture.  bara sanas waan ta'aa turaniif. Kanaafuu waaqayyo kana hundumattii akka garasaatti deebi'an barbaada ture. yeroo sana Yoo'el taateewwan gurguddaa lama barreesse ture. 1. Waa'ee Investimentii fi                     2. Dhimma hafuuraatiin walqabatee rakkoowwan turan ibseera. Bara keenya kanas Waaqayyo qalbii akka jijjiirrannu barbaada.        Yoe. 1 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ² Isin maanguddoota nana kana dhaga'aa! Sabni biyya kana keessa jiraattan hundinuus mee dhaggeeffadhaa! Wanti akkasii kun bara isin jiraattan keessatti, bara abboonni keessan jiraatan keessattis takkaa ta'ee beekaa ree? ³ Waa'ee kanaa ijoollee keessanitti himaa! Ijoolleen keessanis ijoollee isaaniitti haa himan! Ijoolleen isaaniis dhaloota dhufutti haa himan! ⁴ Isa gurmuu hawaannisaa isa duraa irraa hafe, gurmuu hawaannisaa isa lammaffaatu nyaate; isa gurmuu hawaannisaa isa lammaffaa irraa hafe, ilmaan hawaannisaatu nyaate; isa ilmaan hawaannisaa irraa hafe immoo geerii hawaannisaatu nyaate. ⁵ Isin warri machooftuun dammaqaatii boo'aa! Daadhiin waynii isin irraa waan citeef, isin warri daadhii waynii dhugdan hundinuu, cuunfaa wayniitiif boo'aa! Yoe. 1 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹³ Yaa lubootaa! Uffata gaddaa uffadhaa, boo'aas! Kennaan midhaanii fi kennaan dhugaatii, mana Waaqayyo keessanii irraa waan ittifameef, isin warri iddoo aarsaatii hojjettan, hojjetoonni Waaqayyo kootii mana qulqullummaatti ol galaa! Uffata gaddaa uffadhaatii halkan guutuu gaddaa bulaa! ¹⁴ Soomii qulqulluu labsaa! Walga'ii qulqullaa'aas waamaa! Jaarsoliidhaa fi warra biyyicha keessa jiraatan hundumaa, mana Waaqayyo gooftaa keessaniitti walitti qabaa! Gara Waaqayyoottis iyyaa! ¹⁵ Wayyoo! Guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera! Maal guyyaan sodaachisaan akkasii! Inni isa hundumaa danda'u biraa akka balleessiitti in dhufa. ¹⁶ Utuma nuyi ilaalluu nyaati akkuma dhibe, akkasuma gammachuunii fi ililleen mana Waaqayyo keenyaatii dhibeera mitii ree? ¹⁷ Sanyiin kaboota jalatti tortoree, midhaan waan badeef, gombisaan in one, gumbiin in caccabe. ¹⁸ Saawwan waan dheedan waan dhabaniif, in mar'atu! Bushaayeen in joonja'u; hoolonni karri baay'eenis in dhiphatu. ¹⁹ Yaa Waaqayyo! Ibiddi iddoo dheedumsa horii waan fixeef, arrabni ibiddaas muka bakkee keessaa waan gubeef, ani gara keetti nan iyya; ²⁰ burqaan bishaanii waan gogeef, ibiddis iddoo dheedumsa horii waan fixeef, bineensonni caakkaa illee gara keetti in iyyu. Jedhe.
Mon, Dec 21 2020
@Tokkummaa_hafuuraa. Warri tajaajilanis haata'u warri tajaajilaman lachanuu tokkummaa hafuuraa qabaachuu qabu. Tokkummaa hafuuraa jechuun, akka hafuuraatti waan hojjatamuu qabu irratti tokko ta'uudha. Namni tokko waan bareeduuf ykn biyya tokko waan ta'eef walii wajjiin tokkooma miti. Wanta qajeelaa fi gaarii ta’e irratti akka fooniittis ( akka biyya lafaatti ) namni harka Waaqayyootiin uumamuu isaatti amananii jaallachuutu tokkummaa hafuuraa jedhama. Phaawuloos waldaa Efesooniin barsiiseera waa'ee kanaa; Efe. 4 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ³ Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa! ⁴ Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko; “Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif danda'aa!” As keessatti hamaa utuu walirratti hinyaadiin hidhaa nagaatiin tokko ta'uu barsiisa. Tokkummaa hafuuraa akkamitti akka eeggattu ( kunuunsitu ) beekuudhaaf hidhannikee nagaa ta'uu qaba. Kana gaafan jedhu jireenyi kee hidhaa nagaatiin qindoomuu qaba jechuu kooti. Nagaa kana horachuudhaaf waamicha Waaqayyoo beekuu qabda.   Abdiin waamichakee Waaqayyo nagaa akka ta’e beekuu qabda. Waaqayyo nagaa isa ta’e kana arguudhaaf tokkummaan hafuuraa barbaachisaadha. Tokkummaa hafuuraa kana bakka lamatti hiikuu dandeenya. 1. Obbolootaa wajjiin hafuuraan tokko ta'uu:- kana jechuun hafuura qulqulluudhaann kan gaggeeffamu hundumaa wajjiin tokkoomuu jechuudha. Kadhataan, lallabaan, raajummaadhaan, faarfannaadhaan , walii wajjiin sorachuudhaan illee utuu hinhafiin tokkoomuu jechuudha. HOE 2:42 , 1Qor 1:10 2. Hafuura tokko qabaachuudha. kana jechuun immoo hafuura lamaan gaggeeffamuu ykn hafuura lamaaf hojjechuu irraa bilisa ta'uudha. Hafuura lamaaf hojjechuun sirrii miti. Namni tokko hafuura qulqulluu fi hafuura xuraa'aaf jiraachuu hin danda'u. Mat 6:24 irratti gooftolii lamaaf hin hojjetiin jedha. Yookiin mormuu ykn immoo itti tokkoomuudha. Hafuura tokko qabaachuudha. Innis Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko; " jedha efe 4:4 Kanaafuu tokkumaan hafuuraa tajaajilaafis ta’e tajaajilamaaf barbaachisaadha. 🅦🅐🅐🅠🅐🅨🅨🅞  🅢🅘     🅗🅐🅐🅔🅔🅑🅑🅘🅢🅤!
Wed, Dec 16 2020
@Barnoota_waa'ee @Macaafa_Ermiyaas_Raajichaa. ➡️Raajichi Ermiyaas Raajoota gurguddoo keessaa isa tokkodha. ➡️Barreessaan Macaafa Kanaa raajichuma Ermiyaas dha. ➡️Dh. K. D. Bara 630 fi 580 gidduutti barreeffame. Jaarraa 5ffaa fi 6ffaa keessa jechuudha. ➡️Qabiyyeen macaafa kanaa walumaa galatti boqonnaa 52 fi lakkoofsa 1364 qaba. ➡️ Macaafni kun jechoota  hedduu qabaachuudhaan Macaafa Faarfannaatti aanee lammaffaadha. Eenyummaa_Raajicha_Ermiyaas. Ermiyaas kun nama bakka luboonni jiraatan ganda Anaatot jedhamtu keessa jiraatudha. Anaatot kun magaalaa guddoo Yihudaa jaarraa 6ffaa fi 7ffaa kan taate Yerusaalem irraa  km 6 fagaattee argamti jedhu qorattoonni seenaa. Anaatot kun Macaafa Qulqulluu keenyaa irratti bakka 15tti caqafamteetti.  Abbaan isaa lubicha Hilqiiyaa akka ta’e Erm 1:1 ni hubabachiisa. Bara mooticha hamaa  Minaasee dhalate. Bara mooticha Yoosiyaas keessa tajaajila eegale. Kana jechuun erga dhalatee tilmaamaan waggaa 70 booda jechuudha. Er.1:1-3 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Dubbiin Ermiyaas ilmi Hilqiiyaa dubbate kana keessatti caafamee jira; abbaan isaa luboota warra kutaa biyya Beniyaamin keessaa mandara Anaatot keessa jiran keessaa tokko ture; ² Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa ta'ee, waggaa kudha sadaffaa isaatti dubbiin Waaqayyoo gara Ermiyaas in dhufe. ³ Bara mootummaa Yehoyaaqiim ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, hamma waggaa kudha tokkoffaa mootummaa Zedeqiiyaa ilma Yosiyaasitti, waggichattiis hamma ji'a shanaffaa isa sabni Yerusaalem itti booji'ameetti isatti in dubbate. Kana jechuun erga Israa'el harka bitaa fi harka mirgaa jedhamanii bara gargar qoodamanii booda. Bara mooticha Yosiyaas fi ijoollee isaa lamaan keessa jechuudha. Yoosiyaas mootii yihudaa 15ffaadha. Ijoolleen Yosiyaas immoo mootota Yihudaa 16 ffaa fi 17 ffaa ta’anii bulchaa turani. Macaafni Ermiyaas guutummaansaa waggootii 12 keessatti barreeffame. Erm 1:3. Akkasumas raajii boo'aa yookaan laphee cabaati. ➡️kana jechuun raajii boo'ichaan sabaaf kadhatu jechuudha. Erm 8:21,  9:1 #Waamamuu_Ermiyaas 1:4-19 Kaayyoon_Barreeffamuu_Macaafa_Ermiyaas. ➡️ Waaqayyoon dhaga'uu diduun adabbii fi dheekkamsa isaa jalaa bahuu akka hin dandeenye ibsa. ➡️Aangoo fi guddummaa Waaqayyoo ibsuuf. ➡️Tokkummaadhaan deebifamanii ijaaramuun gara fuulduraatti akka jiru hima. Erm 31:31-34 ➡️Akeekkachiisaaf, qalbii jijjiirrachiisuuf waamicha Waaqayyoo saba isaatti himuufidha. Keessattuu bara mootii Yihudaa 13ffaa kan ta’e mooticha Minaasee keessa sabni Yihudaa baay'ee karaa waaqayyoo irraa goranii turan. Mootichis mootii jal'aa Waaqayyoon gaddisiisedha.   #Erm_17:9 “"Garaan namaa waan hundumaa irra jal'aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda'u; egaa eenyutu isa beekuu danda'a ree?”   #Erm_29:10-11 Waaqayyo, "Akkuman dur dubbadhee ture waggaa torbaatama mootii Baabiloniif erga hojjettanii booddee isin nan yaadadha, akkuman dur isin abdachiisee tures gara biyya kanaatti isin nan deebisa; yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti. #Erm_52:12-13 “Nebukadnezaar mootiin Baabilon erga mo'ee waggaa kudha salgaffaa isaatti, waggichattii ji'a shanaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kurnaffaatti Nebuzaraadaan ajajaan loltuu warra mooticha eeganii, inni mootichaaf amanamaa ture mandara Yerusaalemitti lixee,  mana qulqullummaa, mana mootummaa, manneen namoota gurguddoota Yerusaalem hundumaa gubee in balleesse.” #waadaa_yookaan_kakuu_Waaqayyo_saba_biyya_lafaa_hundumaaf_gale. Erm 23:5-6 Waaqayyo abbaan karaa itti biyya lafaa cubbuu du'aa jalaa itti baasuuf kakuu gale nutti argisiisa. Kakuun kunis ilma isaa tokkicha gara biyya lafaatti erguuf kakuu gale jedha. Akka Raajichi Ermiyaas ibsutti sanyii Daawwit keessaa akka dhufu dubbate. Erm 23 Lakk. 5 ➡️mat 1 “Waaqayyo, "Kunoo, barri ani itti sanyii Daawit keessaa mootii qajeelummaadhaan hojjetu kaasu in dhufa; inni mootii ogummaadhaan mo'uu fi mootii lafa irratti firdii qajeelaa fi qajeelummaa eegu in ta'a.” Mul’ata 11:15 Erm 23 Lakk. 6 irratti inni ibsame ➡️ Rom 11:26 irratti mirkanaa’eera. “Israa'elis guutummaatti in fayyifama; caaffanni qulqullaa'aan waa'ee isaatiif,"Inni furu Xiyoonii in dhufa, Waaqayyo malee jiraachuus  sanyii Yaaqoob keessaa in baasa";” Ibsa_Guduunfaa. Waaqayyo Macaafa Ermiyaas irratti yakka isaaniif , mana qulqullummaa keessatti xuraa’ummaan waan baay'ateef Yihudootatti murtii dabarse. Murtoon kunis Biyyaa isaanii keessaa baafamuu , Iddoowwan isaan waaqa tolfanaaf dachaa Ben-Hiinom keessatti  Waaqa tolfamaa Toofet jedhamuuf ijaaranii kan isaan itti sagadan sana iddoo awwaalcha isaanii nan godha jechuudhaani. Kunneen murtoo Waaqayyo Yihudootatti murteessedha. Erm 7:30-34, 16;10-13, 22:9, 32:29, 44:2-4 Erga Mootichi Yosiyaas du'ee booda. Yosiyaas Mootii qajeelaa Yihudaa isa dhumaa ture. sabni Yihudaa guutummaan guutuutti Waaqayyoon dhiisani abboommiisaa cabsan. Yeroo kana Waaqayyo saba Yihudaa akka ejjituutti lakkaa’e. Erm 2:20, 3:1-3, Waaqayyo saba sana abaarsaaf akka godhu dubbatee Ermiyaas. Ermiyaas  akeekkachiisa Waaqayyoo fi harkasaa olfudhatee akka jiru saba Yihuudaatti dubbate. Waaqayyo saba kana balleessuuf guyyoota harkaan lakkaa’amu irra akka ga'e dubbachaa ture. Kunis "araara isa dhumaati " jedhe. Mootiin Nebukadnezaar  Yihudaa booji'ee maqaa itti godhachuu isaas galmeesseera. Erm 24:1 Ammas sabni sun mormiisaa Waaqayyo irratti caalchisee jennaan Waaqayyo immoo Mooticha Nebukadnezaar Yihudaa fi Yerusaalemiin deebi'ee akka isaan balleessuuf irratti kaase. (Erm 52) Sabni sun akka deebi'uuf Waaqayyo Murtiilee ciccimoo muraasa erga irratti murteesse booda bakka isaaniif kennetti akka isaan deebisu waadaa gale. Erm 29:10. Hojiirra_oolchuuf_shaakaluu: Ermiyaas ergaa ulfaataa dabarse. Inni Yihudaa in jaallata, garuu Waaqayyoon caalchisee jaallata. Ergaa firdii  dabarsuu fi wanta Waaqayyo jedhe dubbachuun kan Ermiyaas waan ta'eef waan Waaqayyo itti hime gochuu fi jechuutti cichee ture. Ermiyaas Waaqayyo qajeelaa fi qulqulluu akka tahe amanee abdiidhaan saba Yihudaaf kadhate. Nuyis Waaqayyoon kadhachuu qabna. Yoo rakkanne iyyuu , fedha Waaqayyoo fedha mataa keenyaa caalaatti amanuun ; ogummaa fi karoora isaa isa jalqabaati. Inni ijoollee isaaf wanta gaarii in fida. Rom 8:28.
Wed, Dec 9 2020
Hamaa gaarummaadhan mo'i. 1Phe. 3 “Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan hin deebisinaa! Gara galchii iyyuu eebbisaa! Isin eebba akka argattaniif waamamtan.”   — 1Phe. 3:9 ¹³ Wanta gaarii gochuudhaaf warra hinaafan yoo taatan, eenyutu hamaa isin irratti hojjeta ree? ¹⁴ Wanta qajeelaadhaaf utuu dhiphattanii iyyuu immoo attam gammaddu laata! Sodaachisa warra isin sodaachisanii hin sodaatinaa! Hin raafaminaas! ¹⁵ Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa! ¹⁶ Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta'u! Warri hamaa isin irratti dubbachuudhaan maqaa keessan balleessan, amala keessan isa gaarii, isa erga kan Kristos taatanii argisiiftan sana hammeessan akka yeella'aniif, yaadni garaa keessanii akka isin hin ceephaanetti jiraadhaa! ¹⁷ Isa hamaa godhaniif dhiphachuu mannaa, jaalala Waaqayyoo taanaan, sababii wanta gaarii godhaniif dhiphachuu wayya. 1. Jal'ina warra hojjetanitti hin hinaafiin Far. 37 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Warra waan jal'aa hojjetanitti hin aarin, waan isaan hamaa godhanii argatanittis hin hinaafin! ² Isaan akka margaatti dafanii in coolligu; akka biqiltuu misee goguuttis in golgolaa'u. ³ Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii ta'es hojjedhu; biyyuma keessa nagaadhaan taa'i, amanamummaas eeggadhu! ⁴ Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna. ⁵ Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata. ⁶ Inni qajeelummaa kee akka ifaatti, dhugaa kees akka aduu saafaatti, bakkeetti in baasa. ⁷ Waaqayyo duratti gab jedhi, obsaanis isa eeggadhu, nama karaa isaa wal qixxeeffatetti, nama wanta hamaa koratee fiixaan baafatettis hin aarin! ⁸ Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin! ⁹ Warri jal'oonni lafa irraa in balleeffamu, warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu. 2. Nama hundumaa wajjiin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa! Rom. 12 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁸ Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa! ¹⁹ Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa'aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, "Ijaa baasuun kan kooti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa" jedhee dubbateera. 3. Amantii hojii gaariidhaan mul'isuu. Yaaqoob 2:17 Yaq. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁷ Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha. ¹⁸ Namni tokko garuu, "Inni tokko amantii qabaatee, inni kaan immoo hojii gaarii yoo qabaate maal ta'a?" in jedha; ani immoo, "Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee na argisiisi! Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin argisiisa. Fakk 4:23-24 Fak. 4 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²³ wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba'uuf, yaada kee ba'eessa godhii eeggadhu! ²⁴ Jal'ina dubbachuu afaan keettii, dubbii micciiramaas arraba keettii fageessi! 4. Gatii dadhabbii ofii beekuudhaan. Fak 2:16 5. Ijaa baasuu Waaqayyoo hubachuu Isa 51:7&8 Isa. 51 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁷ "Isin warri qajeelummaa beektan na dhaga'aa, isin warri seera koo yaadatti qabattanis na dhaggeeffadhaa! Ga'isuu namootaa hin sodaatinaa, yommuu isaan isinitti qoosanis hin na'inaa! ⁸ Isaan akka uffata biliin nyaateetti, akka gogaa ololeen nyaateettis nyaatamanii in dhumu; qajeelummaan koo garuu bara baraan in jiraata, fayyisuun koos dhalootaa hamma dhalootaatti in tura" jedha. 6. Dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo ta’uusaa hubachuudhaan Mat 5:9 “Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu.  10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kanisaanii ti.”   — Mat. 5:9
Wed, Dec 9 2020
#Haala_osoo_hintaane_namatu_haalaan_dahate_simiidha. Ati haala osoo hintaane Waaqayyoo fi Mul’ata kee beeki ! Waaqayyo egereekee waan beekuuf waan simadaalu hunda siif laata. Bakka geessuu fi waan irra geessu keessatti Waaqayyo Abjuu fi Mul’ata siif kenna. Abjuu fi Mul’atni sun rakkoo kee fi rakkoo addunyaa Kanaaf furmaata ta'udha. Garuu sababa abjuu fi Mul’ata kanaa gatii fi iddoo si hinmadaalle irratti aarsaa kanfalta. Yoseef sababa abjuusaa gurgurame. Uma. 37 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁷ Kottaa, nuyi warra Ishmaa'el kanatti isa in gurgurraa! Inni obboleessa keenya, foon keenyas waan ta'eef, harka keenyaan waan hamaa isa irratti hin hojjennu!" jedhe; obboloonni isaas isaaf in dhaga'an. ²⁸ Warri Ishmaa'el naggaadonni Miidiyaan dhufanii in darbu turan; obboloonni isaa Yoseefin ol harkisanii boollicha keessaa baasanii, meetii ija digdamaan warra Ishmaa'elitti gurguran; isaan immoo Yoseefin biyya Gibxiitti in geessan. …  ³⁶ Warri Miidiyaan Yoseefin biyya Gibxii keessatti hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota keessaa Phoxiifaar ajajjuu eegdotaatti in gurguran. Sababa abjuusaa naqa lama gurgurame. Boqonnaa 42 keessatti garuu yoseefiif yeroo kabajaa ture. Mul'annikee aarsaa yoo si kaffaalchiseeyhuu guyyaan kabajaa tokko nijira. “Biyya Gibxii hundumaa inni bulchu, namoota biyya hundumaattis inni midhaan gurguru Yoseef ture; obboloonni Yoseefis dhufanii isa duratti dhi'aatanii, hamma mataan isaanii lafa ga'utti in qoomma'aniif.”   — Uma. 42:6
Wed, Dec 9 2020
Wanti ta’u hundinuu akeeka Waaqayyootiin ala hin ta'u! namni akeeka Waaqaayyoon ala jiraatu hinjiru #Ati_Waan_barbaadde_yoo_qabaatteyyuu_Foon_uffataa_akka_taate_beeki! Waaqayyo Dh.K.D 1500 keessa waan hundumaa ta'iidhaan dachee kana irratti uumuu isaa Museen seera uumamaa 1:1 irratti caafeera. Namni garuu akka bifa Waaqayyootti uumamuu isaatu uumama irraa adda isa godha. S. Uma 1:22 👈 irraa dubbisi. Hawwaa kanaa gaditti uumama ta'iidhaan uumame kana irratti aangoon kennameeraaf. Gabaabumatti waanan jechuu barbaade; namni jireenya nama aakkasaatii irratti ,haala jireenyaa addunyaa kana irratti ta'u hundumaa irratti murteessuu hindanda'u. Kana jechuun lubbuu baasuu, du'a nama irratti murteessuuf aangoon hinkennamneefi. Haala du'uu fi jiraachuu keessatti aboo guddaa kan qabu #Waaqayyo qofa. Ati ajjeesi , nama irratti du'a murteessi siin hinjedhamne , maaliif du'a namaa barbaadda? Waan hundumtuu akeekaa fi karoora Waaqayyootiin socho’a. Ati namadha. Nama keessaa abbaa aangoos ta'i, aangoo lafa kana irraatiin yoo baay'ate waggaa 7 ykn 10 hojjetta ta'a. Aangoon kee kun haqaan tajaajili jecuudhha malee nama akkakee irratti du'aa fi jireenya murteessii miti. Kana hundumaa irratti Waaqayyoon qofa beeki. Akka waan hundumaa gochuu / raawwachuu dandeessutti of hin ilaaliin. Ati foon uffataa akka taate beeki! waa'ee kanaa irratti #Macaafni_Qulqulluun akkas jedha Far. 9:15-17, akkasumas 19 fi 20 irraa ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁵ Sabni lafa irraa boolla ofii isaaniitii qotanitti gad in liqimfaman; kiyyoodhuma dhoksaniinis miilli isaanii in qabame. ¹⁶ Waaqayyo, firdii kennuu isaatiin of beeksise, namni jal'aan waan harka isaatiin hojjeteen in korokkodame. [Sagalee mi'a ribuu qabutu gidduutti dhageessifame.] ¹⁷ Warri jal'oonni gara iddoo lafa jalaatti gad haa bu'an, lafa irraa warri Waaqayyoon irraanfatanis akkasuma gad haa lixan. 19 Yaa Waaqayyo, humni namaa harka akka hin fudhannetti, ati ka'i! Sabni lafa irraa si duratti firdii akka fudhatan godhi! ²⁰ Yaa Waaqayyo, sabni lafa irraa namootuma foon uffatan duwwaa ta'uu isaanii akka beekaniif, ati pherpheramuu isaanitti fidi! Kana irratti Daawwit namni foon uffataa qofa akka ta’e akka inni  beeku godhi jedha Waaqayyoon , hojiilee fi aboo namni lafa irratti qabu walii isaarratti du'a murteessuu akka hindandeenye haa beeku firdiikeetiin barsiisi , itti murteessi jedha. 👉  kanaafuu nama taatee du'a namatti hin murteessiin. Nama ta'uu kee qofa beeki. Ati namadha malee Waaqa miti. Hojii Waaqayyoo keessa galuun nama miidha. Waaqayyo akka ati hojii Waaqayyoo keessa hingalleef abboommii kurnan siif kenneera. S. Ba'uu 20:1-17
Wed, Dec 9 2020
#Dhugaatii_jabaa_Hin_dhugiin_Kan_jedhu_Macaafa_Qulqulluu_irratti_bakka_75tti_akka_caafame_beektaa? 1. #Daadhiin_wayinii_qullaa_sigodha_sisalphisa. Uma 9:20-26. 2. #Fira_dhiigaa_ykn_ijoolleekee_wajjiin_akka_ati_ejjitu_sitaasisa. S.uma 19:30-38. 3. #Dhugaatii_Nama_macheessu_hin_dhugiinaa_jedhee_Waaqayyo_abboomeera. S.Lew 10:9-11. 4. #Cuunfaa_muka_dhangaggaawu_hin_dhugiinaa! S.Lakk 6:3 5. #Dhugaatii_jabaan_albaadhessaa_fi_sagaagaltuu_sitaasisa. K.deebii 21:20 6. #Daadhii_Wayinii_yookaan_dhugaatii_cimaa_hin_dhugiinaa! K.deebii 29:5-6. 7. #Daadhiin_wayinii_ykn_dhugaatiin_jabaa_hadhaa_bofaa_isa_dhoksaatti_nama_ajjeesuudh. K.deebii 32:33. 8. #Daadhii_Wayinii_waanuma_nama_macheessu_irraa_ofeeggadhu! A.firdii 13:4, 7:14. 9. #Ati_hanga_yoomitti_machoofta? 1Seenaa 1:14 fi 15 10. #Dhugaatiin_jabaa_kun_akka_ati_duutuu_fi_ajjeestu_sigodha. Fakkeenyaaf Naabaal erga dhugee booda in du'e. 1Saam 25:32-38. 11. #Haxxummaa_hamaa_sibarsiisa. 2Saam 11:13. 12. #Amnoon_mucaan_Daawwit_dhugee_ture_gaafa_namaan_ajjeefame. 2Saam 13:28 fi 29. 13. #Beenhaadad_fi_jeneraalonni_32_dhuganii_machaa'anii_rukutamanii_dhuman. 1Mot 20:12-21 14. #Dhugaatii_jabaan_akka_tuffatamtu_sigodha.  Asteer 1:8-12. 15. #Daadhii_Wayinichaa_isa_firdiif_qophaa'e #irraa_jal’oonni #lafa_jiranii_ni_dhugu. Far 75:8 16. #jal’oonni #daadhii_wayinii_isa_humnaan_nama_irratti_ka’uudhaan #argamu_keessaas_ni_dhugu. Kana jechuun humnaan nama irratti akka ati kaatu sigodha. Fakk 4:17. 17. #Dhugaatii_jabaan_ogummaa_sidhabsiisa. Ogeessa hintaatu jechuudha. Fakkeenya 20:1. 18. #Dhugaatii_jabaan_hidhata_warra_dhugduu_sigodha. Fakkeenya 23:19 & 20. 19. #Hiyyeessa_sigodha. Baasii hintaaneef si saaxila akkasumas qaamaan illee namaan gadi sigodha. Fakkeenya 23:21. 20. #Madaahuu_qaamaa_sitti_fida. Fakkeenya 23:29-30 21. #Hawwa_hintaaneef_si_saaxila. Fakk 23:31 22. #Hadhaa_mar’ataas #tahee_keessakee_idda. Fakk 23:32 23. #Gara_dubartii_ejjituu_si_ilaalchisa. Fakkeenya 23:33 24. #Ofitti_amanamummaa_sidhabsiisa. Kana jechuun yaada tokko akka ati hinqabaanne , akka gabatee bishaan keessaa taata. Fakkeenya 23:34 25. #Miira_dhukkubbii_fi_miira_fayyina_qaamaa_siwallaalchisa. Fakkeenya 23:35. 26. #Eenyummaa_fi_kabaja_sidhabsiisa. Fkn 31:4 fi 5. 27. #Badiisatti_sigeessa. Fakkeenya 31:6 fi 7 28. #Gammachuu_miira_jireenyakeef_hinta'u. Lall 2:3, 12:8. 29. #Keessattuu_gaggeessaa_taatee_dhuguun_sirrii_miti. Fakkeenya 31:4. 30. #Kaayyoo_dhugaatii_dhuguu_malee_kaayyoo_biraaf_carraa_siif_hinlaatu. Isa 5:11 fi 12. 31. #Araada_dhugaatii_qofaan_akka_ati_gammaddu_sigodha. Isa 5:22 32. #Fedhii_nyaataa_sidhabsiisa. Isa 19:14. 33. #Jireenya_Abdii_kutannaa_keessa_sigalcha. Isa 22:12 fi 13 34. #Miira_dhandhammii_sidhabsiisa. Isa 24:9 35. #Dheekkamsa_Waaqayyoo_jalatti_sihambisa. Isa 28:1. 36. #Ulfina_mataakee_sidhabsiisa. Isa 28:3 37. #Firdii_qajeelaa_sijallisiisa. Isa 28:7 38. #Maaddii_kabajamu_hin_godhattu. Isa 28:8 39. #Jireenya_irra_deebii_malee_jireenya_haaraa_hinqabaattu. Isa 56:9-12. 40. #Laphee_ykn_Gurra_Waaqayyoon_dhagahu_hinqabaattu. Erm 35:2-14. 41. #Oobdii_ykn_iddoo_aarsaa_Waaqayyoo_akka_xureessitu_sigodha. Hisqi'el 44:21. 42. #Gaggeessummaa_sirrii_hin_gaggeessitu. Dan 5:2-3 43. #Qodaa_mana_Waqayyoo_akka_xureessitu_sigodha. Dan 5:3 44. #Waaqa_tolfamaa_siwaaqeffachiisa. Dan 5:4 45. #Waaqayyo_irratti_akka_kaatu_sigodha. Dan 5:23. 46. #Yaada_sibooji'a. Hose'aa 4:11 47. #Jal’ina #sihojjechiisa. Hos 7:5 48. #Daldala_jal'inaa #sibarsiisa. Yo'el 3:3. 49. #Gargaaraa_jal'ootaa #taatee_xureeffamuu_mana_Waaqayyoof_sababa_taata. Amos 2:8 50. #Sababa_baduu_namaa_taata. Amos 2:12. 51. #Sababii_dheekkamsa_Waaqayyoo_taata. Yo'el 1:1-4. 52. #Sobduu_sitaasisa. Miik 2:11. 53. #Hojii_hamminaatiin_hamootatti_si_ijaara. Nahoom 1:10 54. #Salphaatti_gowwoomta. Amb 2:5 55. #Sababa_dhugaatii_jabaa_nama_tokkoo_yoo_taate_dheekkamsa_Waaqayyoo_jalatti_hafta. Amb 2:15 56. #hin_yellaata. Ulfinnikee salphinatti geddarama. Amb 2:16. 57. #Hojjetaa_hin_amanamnee_taata. Mat 24:48_51. 58. #Hamoota_keessaa_tokko_sitaasisa. Luq 12:45 59. #Mootummaa_Waaqayyoon_ala_sigodh. 1Qor 6:10. Gal 5:21. #Dhugaatii_jabaa_dhuguu_dhiisuun_maaliif_gargaara? 60. #Xuraa’ummaa #irraa_si_oolcha. Dan 1:5-7. 61. #Hafuura_Qulqulluudhaann_guutamta. Luq 1:15. 62. #Akka_of_hindaganne_sigodha. Luq 21:35. 63. #Amalakee_akka_sirreeffattu_godha. Rom 13:13. 64. #Gaarummaatti_jiraatta. Rom 14:21. 65. #Hiriyyummaa_nama_amaneera_jedhee_machaa'u irraa_si_oolcha. 1Qor 5:11. 66. #Dammaqinaan_jiraatta. 1Tes 5:6-7. 67. #Nama_amane_taatee_akka_hin_dogoggorreef_si_oolcha. 1xim 3:8. #Macaafni_Qulqulluun_waa'ee #dhugaatii_jabaa_irratti_tajaajiltootaan_maal_jedha? 68. #Raajonni Dhugaatii_jabaatiin_akka_hinmachoofne_ykn_warra_of_hinganne_tahuu_qabu_jedha. 1xim 3:2, Tito 1:7-8 69. #Diyaaqonii_ykn_warri_waldaa_Kiristiyaanaa_keessatti_gargaartota_tahan_dhugaatiitti_akka_of_hingadhiisne_jedha. 1Xim 3:8. 70. #Maanguddoonni-dargaggoonni_dhugaatiitti_akka_of_hinganne_Jedha. Titos 2: 3 fi 4. 71. #Jireenya_isa_kanaan_dura_yeroo_saba_Waaqayyoo_hinta’in #jiraachaa_turtan_sana_hinjiraatiinaa_jedha. 1Phex 4:3-4. 72. #Dhugaatiidhaan_of_hin_balleessinaa_jedha. Efesoon 5:18 73. #Machooftanii_gadhiisiitti_jiraachuudhaan_guyyicha_isa_dhumaaf_akka_of_hin_daganne_jedha. Luq 21:34. 74. #Machiidhaan_Mootummaa_Waaqayyoo_akka_hin_dhabne_jedha. Gal 5:21. 75. #Dhugaatii_nama_macheessu_hawwuun_sirrii_miti_jedha. Fakk 31:4. Utuu bifa kanaan Macaafni Qulqulluun dhugaatii nama macheessu hin dhugiin jedhuutii "lakki dhugi  hin machaa'iin malee jedha " jettee amantta yoo ta’e sa'atii kana dubbisteetii kaasee sitti lakkaa’amuu jalqaba. Tarii natti ulfaata jettee yaadda ta'a mee luqqisii Macaafa Qulqulluu keessaa rakkoo kana furuuf kan nu gargaaru jira. Rom 12:2 “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” jedha. Kana irratti " yaada garaa keessanii haareeffachuudhaan of diddiiraa " jedha. Waa’ee kanaa dhimma araada garagaraa irratti yaada garaa keenyaan yoo of haaromsine malee wanta keessaa bahuu barbaannu keessaa bilisa ba'uu hindandeenyu. Duraandursinee miira sammuu keenya keessaa ka’ee " dhugi ! dhugi !" jedhu to'achuudha. Yeroo miirri kun nutti dhaga'amu bifa ittiin ofirra dabarsinu barbaaduudha. Fkn Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, faarfannaa dhaggeeffachuu , Dhuga-bahumsa garagaraa dhaggeeffachuu , fi wantoota jireenya hafuuraa keessa nu galchan hordofuudhaan miira kana to'achuu qabna. Kana gaafan jedhu altakkotti araada kana keessaa sibaasa jechuu koo osoo hin taane , adeemsa keessa bifa kanaan irraa bilisa bahuu dandeessa jechuu kooti. Waaqayyo si haa eebbiissu. Waan dubisteef  eebbifami. God bless u.
Sat, Oct 3 2020
KIRISTOOLOJII 👍KUTAA SHANAFFAA Wàaqummaa Kiristoos(II) 👍Maqoota Waaqaa isaaf kennaman(Divine Names Applied To Him) 1. Inni abbaa bara baraan jiraatu ykn Abbaa barabaraati(Isa.9:60) 2. Inni Gooftaa jedhameera(Iyu.2:32;Hoe.2;21Rome10:13;Hoe.9:17) 3. Inni Hiwwaa/Jehova jedhameera(Uma.19:24;Hos.1:7;zak.12:10;Far.83:18;Isa12;2) 4. Inni Aalfaa fi Oomeegaa dha( Mul.1:7-11;22:13-16) 5. Inni isa jalqaa fi isadhumaa ti (Isa44:6;41:448:12,Mul1:17-18) 6. Inni sagalee barabaraa ti (Yoh 1:1,Ibr.1:1-2) 7. Inni isa “Ani” jedhu dha(Kes 3:14-15;Yoh.8:56-58) 8. Inni hundee fi hidda Daawit. Inni ilma, goofaadhas Daawitiif ,foon uffachuu isaatiin (Mu.22:16;Mat 9:27;21:9;22:41-42) 9. Inni ilma Waaqaati,ilmummaa Waaqaa. Dhugaas bahameeraaf.     a) Waaqayyo Abbaadhaan(mar.1:24)     b) Hafuurota hamoon(Mat   8;290     c) Ergamaa Gabri’eeliin (Luq.1:35)     d) Bartoota isaan(Mat.16:16-17:Rome1:1-3)     e) Gooftaa mataa isaan ( Mar.1:61-62,Luq.22:70,Yoh 5:25;11:40 10. Inni isa Waaqa isa Qulqulluu dha(Mar.1;24) 11. Inni dhugaa dha( Yoh14:6).Inni dhugaa dubbata;ofii isaatis dhugaa dha. 👍Amaloota Hojii Waaqaa isaaf ta’an Hojiin Waaqaa Ilma Waaqaatiin raawwataman ( Yoh.14:11,10:37;5:36) 1. Inni uumaa biyya lafaati (Ibr.1:3;Uma.1:1-5;Yoh.1:1-4,10) 2. Inni uumaa ergamtootaa fi namaati ( uma.1;26;Fakk.8:30,Qol.1;16-17) 3. Inni cubbuuf dhiifama godha( Hoe.5:31;Luq.5:12-14,Mat.9:6;Mar.2:5- 7;Qol.3:13).Cubbuudhaaf dhiifama gochuu kan danda’u Waaqayyo qofa. 4. Inni du’aa kaasee jiraachisa(Yoh.5:28-29;11:25;Fil.3:21) 5. Inni biyya lafaatti sirriitti murteessa ;aboo kanaas qaba(Yoh.5:22- 29;Hoe.17:312Qor.5:10;2Xim.4:1) 6. Inni sagalee isaatii addunyaa qabee jira(Ibr.1:3;Qol1;17). 7. Inni jireenya barabaraa kan kennuudha warra itti amananiif ( Yoh.10:28;17:2) 8. Dhuma biyyaa lafaaf haaromsa fida (Ibr.1;10-12,Mul21:5;mat.19:28) 😂Waaqeffaan Waaqummaa isaaf ta’an Yesuusif waaqeffannaan in ta’aaf;kennameeraafis.Inni naaf hin ta’u hin jenne akka namoota Waaqayyoo fi ergamamoota filatamanii waaqeffannaan nuuf hin ta’u jedhanii. Yesuus akka Waaqaatti Waaqessuun Waaqayyoon arrabsuu dha yoo inni Waaqa ta’uu baate. 1. Inni ergamootaan waaqeffameera( Ibr.1:6;Isa.6:1-5;Mul.5:12-14) 2. Inni namootaan waaqeffameera ( Mat.8:2;15:25-28;28:17;luq 24:51-52;Hoe.1:24) 3. Gara isaatti kadhatni dhiyaateera akka waaqatti ( Hoe.1;24;7:59-60) 4. Inni uumamaan waaqeffameera(Mul 5:13) 5. Inni kabajameera Waaqa Abbaa wajjin walqixa (Yoh.5:23;Mul.1:5-6;Ibr.1:6-8) 👍Wantoonni Waaqayyoof ta’an akka isaaf ta’an Yesuus wanta Waaqayyo qofaaf ta’u raawwateera. 1. Waaqayyoo wajjin tokko akka ta’e( Yoh.10:30;38;5:23;14:10) 2. Inni Waaqayyo akka abbaa isaa ta’etti fudhateera( luq.2:42-52;Mat12:48;Mar3:33- 34). Inni tasumaa Yoosef akka abbaa isaa ta’etti hin beeksifne. 3. Inni akka Waaqayyo abbaan jaallatutti akka jaallatu ibse(Mat.10:37-38;Luq.14:26) 4. Inni “Ani” jechuun jireenya isaa isa Waaqarraa mul’ise (Yoh.8:56-58;18:1-5) 5. Ilma Waaqaa akka ta’e , Waaqa akka ta’e (Yoh.5:25;11:4;Mar12:6).
Thu, Sep 24 2020
KIRISTOOLOJII Kutaa Arfaffaa Waaqummaa Kiristoos ( The Deity of Christ) 👉Barsiisi sobaa/Herecy Waaqummaa fi namummaa Yesuus ilaalchisee seenaa Waldaa kiristaanaa bara durii keessatti hedduun ka’anii turan. Haa ta’u malee, ganiinsa waaqummaa isaatu namummaa isaa caala. 👉Waaqummaa fi namummaan Yesuus haala mijaana isaa eeggateen eegamuu akka qabu barreestoonni Kakuu Haaraa baay’een isaanii wabii dha, barsiisa sobaa dhorkuuf. 👉 Wabiilee cimaan Gooftaa Yesuus Kiristoos Waaqa ta’uu ibsan amaloota Waaqummaa, Maqaa Waaqummaa, hojii waaqummaa, Waaqeffannaa Waaqummaa, akka Waaqatti waan isaaf ta’anii fi walitti dhufeenya isaa wajjinii kan akka Waaqaa ta'uu isaati. 👍Amaloota Waaqummaa Isaaf Ta’an: 1) Amaloota Addaa a) Barabaraan jiraachuu (Eternal Being):-ilma ta’uun Yesuus kan barabaraatti sadan tokkummaa Waaqaa keessatti.Yesuus dubbatee ture akka Waaqa abbaa wajjiin turee fi Waaqa irraa gad dhufe(Yoh 1:1-3;6:33,41,50- 621, Rome.1; 20, Mat.3:11, Ibr.7:1-4). b) Jalqabaa kaasee kan ture.(Pre –existence being). Yesuus ofii isaa dursee akka ture  dhugaa baheera. Akka Waaqa Abbaa biraa dhufe sirritti beeka.Kana jechuun maayiraam durbattii osoo hin dhalati dura akka ture dha. (Yoh.1:1-3,27- 30;16: 26-28;17:1-5; Luq 12:49-51, Mat.10:40,Yoh.6:38-57; 8:28). c) Ofiin jiraachuu./Self Existence/. Ilmi Waaqa Abbaa fi Hafuura qulqulluun  jiraata. Akkasumas ilmi jireenya barabaraa kennuuf ga’aa waan ta’eef inni burqaa  jireenyaati. Ofii isaatii garuu humna qabeessa ta’ee bara baraan jiraata. Yaadni kun immoo Waaqa qofaaf kan ta’u dha (Yoh.1:4;5:21-26;14- 16;Ibr.7:16;1Yoh.5:11-12). 👍 Caaffata Qulqullaa’aan Waaqummaa Kiristoosiif Dhuga baha. 1. Jalqabatti akka Sagaleetti , akka Waaqaatti ture(Yoh.1:1;Fil.2;13,Mul.19:13) 2. Inni Waaqaa wajjin ture, Waaqa abbaa (Yoh.1:1) 3. Inni Waaqa, Ilma ture(Yoh.1:1;Rome.9:5,Ibr.1:8,1Yoh.5:20). 4. Inni Waaqa fooniin mul’ate dha(Yoh.20:28,1Xim.3:16,Qol.2:9;1:19) 5. Inni Waaqa guddaa dha(Isa.9;6, Far.45:6) 6. Inni Amaanu’el, Waaqayyo nuu wajjin jira(Isa.7:14;Mat.1:23) 7. Inni sagalech foon uffatee dha(Yoh.1:14-18) 8. Inni Waaqa dhugaa dha ( Yoh.5:20,Tito 2:14;Rome 9:5) 9. Inni Waaqa Guddaa dha (Tito 2:13) 10. Inni Waaqaa fi fayyisaa keenya( 2Phex.1:1) 11. Inni osoo foon uffatee hin dhufin dura Waaqa abbaa waliin walqixa ture(fil.2:5-7) 12. Innii Waaqa isa ogeessa(Yihudaa.25) 👍Waan hundumaa danda’uu(Omnipotent). Ilmi humna hundaa olii qaba. Inni uumaa fi eegaa biyya lafaa ti(qol.1:17;Efe.3:9;Ibr.1:10;Mul.3:14;Yoh.1:3,10). 1. Inni samii keessatti humna qaba( Mat.28:18) 2. Inni ardii irratti humna qaba(Yoh.17:2) 3. Inni uumama hundaa irratti humna qaba(Mat.8:23-27) 4. Inni hafuura hamaa hundumaa irratti humna qaba(Luq.4:35-41) 5. Ergamtoota hafuura hamaa hundaa irratti humna qaba(1Phex.3:22,Efe.1:20-22) 6. Inni waan hundumaa irratti humna qaba(Ibr.1:3) f. Waan hundumaa beeka(Omniscient) .Ilmi akka Waaqummaatti waan hundumaa beeka.Wanti fuula isaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru (Yoh.16:30;2:24- 25;Qol.2:3;Yoh 14:16-19;21:17;Ibr.4:12-13;Mul.2:23) g. Bakka hundumaatti argamuu(Omnipresent) :- Ilmi yeroo tokkotti bakka hundumaatti argama. Sababa amala kana qabuuf , saba isaa iddoo kamittiyyuu maqaa isaatiin walitti qabaman giddutti argama(Mat.18:20;28:20,Yoh.3:13,Efe.1:23,1qor.1:2;5:4) h. Hin jijjiiramu(Immutable).Ilmi hin jijjiiramu yoomiyyuu,kaleessas .har’as ,boris sanuma(IBr.1:12,13:8,Far.102:26-32) i. Dogongora hin qabu tasumaa(Infallible).ilmi yoom illee hin dogongoru.Waaqa qofa tasumaa kan hin dogogore. (Yoh.12:44-50;14:6). 👍 Amala Naamusaa /Moral Attributs/ a) Sirriitti qulqulluu dha /Perfect holiness/ Ilmi Waaqayyoo guutummaa guutuutti  qulqulluu dha. Namas ta’ee qulqulluu kan ture isa qofa lafarratti(luq.4:34;Hoe.4:27- 30;1Phex.2:22) b) Guutummaatti sirrii dha. Ilmi waaqayyoo gooftaa waan sirrii hundaa ti.(Erm.23:5- 6;1Qor.1:30;Ibr.1:9;1Phex.2:22) c) Sirriitti Jaalala./Perfect Love/ Ilmi Waaqayyoo sirriitti jaalala. Kun immoo amala  Waaqummaatti.Namoonni jaalala qabaachuu danda’uu;Waaqni garuu jaalala(Yoh.15:9-10,1Yoh.4:7-8;15-16)
Mon, Sep 21 2020
Kutaa Tokko Barsiisa Waahee Kiristoos (Christology) Yesuus Kiristoos Waaqa akkasumas ilma Waaqayyoo akka ta’e Macaafni Qulqulluun ifatti dubbata. Kana qofas osoo hin taane yeroo tokkichatti Kiristoos Waaqaa fi nama akka ta’es in ibsa. Amalootni kunniin Kiristoos qabu kan wal hin maknee fi kan gar gar hin bane akka ta’ee beekuun barbaachisaa dha. Kanaafuu wanta kana irra caalatti hubachudhaaf kanneen armaan gadii sirritti yaa hubannu. Jireenya Yesuus biyya lafaa kana irra yemmuu turetti  Jirenyi Yesuus biyya lafaa kana irrattii dabarse jaalala Waaqayyo abbaan biyya lafaaf qabu karaa ittiin qabu agarsiisa( Yoh.3;16-17). Yesuus Kiristoos dhala namaa fayyisuuf foon  namaaa qabaatee , nama ta’ee ( Ib.4:15), gad of deebise( Fil.2). Kana malees jireenya inni biyya lafaa kana irratti dabarse Macaafa qulqulluu keessatti akka armaan gaddiitti ilaalla. 1) Dhalachuu fi guddachuu isaa Yohannis akka caafetti:” sagalechis fooni ta’ee, nu gidduus buufate. Ulfinni isaas isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.” ( Yoh.1:14-18). Waaqni foon namaa uffatee namas ta’ee namoota gidduu deddeebi’uun sammuu namaan yaaduun bira gahuun waan salphaa miti. Luqaas ammo akkasitti ibsa Ergamichi immoo hafuurri qulqulluun si irra in bu’a, humni abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluu dhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama”  (Luq.1:35). Asirratti ammmoo hafuura qulqulluun akka dhalate hubanna( Gal. 4:14). Kun ammo abdii Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti gale akka raawwatu dha ( Isa 7:14, 9:1-7). 2) Cuuphamuu Yesuus  Jireenya Yesuus biyya lafaa irratti dabarse keessaa tokko seera cuuphaa raawwachuu ture. Yohannis cuuphaan lafa onaa keessa bishaaniin namoota cuuphaa waa’ee Yesuus akka labsu raajjonni dubbatanii turan ( Isa. 40:3). Yemmuu Yohannis laga Yoordanoositti cuuphaa  turetti maalif Yesuus akka cuuphame akka armaan gadiitti hubanna.  1. Yemmuu Yesuus cuuphamuuf gara Yohannis deemetti “ Yohannis siin cuuphamuun anaaf  barbaachisa,ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” (Mat. 3:14). “ Yesuus garuu deebiseeWaaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi! Jedheen.” ( Mat. 3:15). Jechuun laga yoordanoositti cuuphame.  Kana yemmuu raawwatu seera Yihuudotaa raawwate.  2. Yesuus erga bishaaniin cuuphamee booda hafuurri qulqulluun bifa gugeen irra buufate , Waaqayyo abbaan samii irraa itti yemmuu dubbatu dhagaahame ( Mat.16-17). Kanneen caqasaman lamaan kun egaan sababa Yesuus bishaniin cuuphameef hubachiisu. 3) Qoramuu Yesuus  Jireenya Yesuus biyya lafaa irratti dabarse keessaa tokko ammo seexanaaan qoramuu dha.  Inni akkuma bishaan cuuphamee baheen hafuura qulqulluun geggeeffamee gara lafa onaa deema. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamas soomee. Seexannii itti dhiyaatee karaa sadii  isa qore. Haa ta’u malee Yesuus mo’ichaan keessa darbe . Kanaan booda Yesuus hojii garaagaraa raawwate. Kanneen armaan gadii: 4) Wangeela lallabe  Kaayyoo biyya lafaa kana irra bifa kanaan dhufeef namootatti beeksise. Warra rakkoo  garaagaraa qababniif furmaata kenne. Ofitti waame( Mat. 11:28). 5) Karaa Jireenyaas barsiise. Namoonni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akkamii  qabaachuu akka qaban barsiise. Akkamitti kadhachuu akka qaban barsiiseera ( mat. 6:9-13).  Kana malees jireenya waaqayyoon gammachiisuu akkamitti akka jiraatan hubachiiseera( Mat. 7:21). Waa’ee barsiisaa fi dinqiiwwaan inni yemmuu biyya lafaa irra ture hojjete Wangeeloota arfan keessaa sirriiti argachuun in danda’ama. Kutaa lammaffaa.. KIRISTOOLOJII Eenyummaa Kiristoos ilaalchisee bara duriitti barsiisa sobaa turan: Macaafni Qulqulluun waa’ee gooftummaa Yesuus cimsee haa dubbatu iyyuu malee tokko tokko jireenya dhugaa kana amananii hin fudhatan.Mee kanneen keessa muraasa akka itti aanuu tti ilaaluu haa yaallu. 1. Iibiiyoonaayit (Ebionites):-Waaqummaa Kiristoos kanneen ganan dha. 2. Noositiksi ( Gnostics) :-Nama ta’uu Yesuus kanneen ganan dha. 3. Aariyosaawwota ( Ariuns) :-Yesuus uumama jedhanii kan barsiisanii dha. 4. Appoliinaawota ( Apollinarians) :-kiristoos nama ta’uu isaa kanneen ganan dha 5. Nesxooriiyaanota ( Nestorians):- Waaqummaan kan guutame garuu nama jedhanii barsiisu.Haa ta’u malee amaloota lamaan yeroo tokkotti kan qabate miti jedhanii barsiisu.Waaqummaan Kiristoos sagalee isaan (Logos) waaqummaan kan guutame gara namummaatti jijjiirameera jedhu. 6. Iiyuutiikaan (Eutychians):-Amaloota Yesuus lamaan kan hin fudhanne dha.Jechuun amala sadaffaa akka qabutti warra barsiisan dha.Kunis namni Waaqaa wajjin walquunnamtii gochuun qaama sadaffaa uumeera;kunis namas waaqas ta’uu kan danda’u. 7. Moonoofiisaayit (Monophyites):Kiristoos kan jiru akka amala isaatti jedhanii  barsiisu.Namummaa Kiristoos kan hin fudhannedha.Namummaan isaa guddifachaa malee  kan bara baraa miti kan jedhanii dha. Akka warra armaan oliitti ilaalletti hubannoo isaan Yesuus irratti qaban ibsaniitti yaada galeef ykn bitaa itti gale ta’uu danda’u dha. Haa ta’u malee akkuma seensa irratti ibsuuf yaalletti Yesuus amaloota lamaan jechuun amala namaa fi Waaqummaa akka qabu Kakuu moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti hubachuu dandeenya. KIRISTOOLOJII Kutaa Sadaffaa Yesuus Nama Ta’uu maaliif akka barbaachise (The Importance of Incarnation) Kiristoosiin maalif foon uffachuu isa barbaachise? Nama ta’uu wanti barbaachiseef gatii cubbuu  kafaluuf.Kunis Kiristoos akka du’uuf.Kana wanti ta’eef ilmaan naommotaa keessaa cubbuudhaaf du’uu kan danda’u waan hin jirreef Waaqayyo foon uffatee dhufee du’eef. Foon uffachuunis ilmaan namootaa hundaaf yeroo tokko fi dhumaaf du’eera.Kunis ta’uu kan danda’e foon uffachuu  isaatiini. Foon uffachuun hangas waan barbaachisuuf yesuus nama ta’e jechuu dha. Sababa nama ta’uun barbaachiseef (The Reason for the Incarnation) 1. Abdii Fayyinaf jiru cimsuuf:-Rome.15:8-9,Mat.1:1,Isa.7:14;9:6-9;Uma.3:15,22,Mik.5:1-2. 2. Raawwii seeraa, Faarsaa, fi Raajii(Kakuu Moofaa) 3. Mul’ata Abbaa guutuu gochuuf (Yoh 1:14-18;14:9,16:27) 4. Daabiloosii fi mootummaa isaa balleessuuf. 5. Jireenya namaa isaa qulqulluu ta’ee fi cubbuu hin  qabnejiraachuuf(Mat.11:29,1Yoh.2:6,1Ph.2:21) 6. Ofii isaa aarsaa gochuun cubbuu ballessuuf. 7. Kakuu Haaraan akka dhiibbaa uumu gochuuf. 8. Tajaajilli Kakuu Moofaa akka raawwatuuf ( Raajii, Luba, Mootii). 9. Karoora waajjuu keessatti deebi’ee dhufuu isaa ifatti baasuuf(Dan.9:24,Rom.8:18- 25,Heb.9:27-28,Fil.3:12,1Qor.15:25-28) Kiristoos si furuuf ulfina ofii dhiisee NAMA ta'e! Mee bakka jirtutti Altokko 'Galatakee Yesuus' jedhi! https://.t.me/Qayyabannaamacaafaqulqullu
Sat, Sep 12 2020
🔴 KUTAA 3ffaa 🔴          📖📖📖📖📖📖 QO'ANNOO_MACAAFA_QULLQULLUU         ••◉◉━━✰━━◉◉••        🔻Yoh 14 : 7🔻 Kutaawwaan darrban keessatti yesuus kiristoos karaa tokicha gara abbaatti geessu ta'uu isaa qo'aneera itti fufnee immoo yesuusiin beekuu jechuun abbaa beekuu akka ta'ee qo'anna akkasumas (yoh 1:18/Qol 1:15/Ibr 1:13 ilaalaa) Dhugaa kana bartoonni hubachuu qabu turan sabaniin isaas yemmuu adeemmsa yesuusiin faana bartuu ta'anii turanitti waan kana hundumaa isaan barsiisaa fi ibsaaf ture.       ••◉◉━━✰━━◉◉•• 🔻 Lakkaobsa 7 haa qo'aannu " Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; jedha. Beekumsi isaanii kun beekumsa ilaalanii baruu irratti hunda'ee dha. Kan inni isaaniin jedhe fulduratti ni beektu osoo hin taane amma irraa kaastanii dha kan jedhe. Yeroo sanaa kaasanii baruu fi tokkummaa gochuu akka isaan dandaan isaanitti himeera. Bartoonni garuu dhugaa guddaa kana hin hubanne ture. Sababiin isaas yesuus ammaallee hin duune hin kaanes ture. Akkasumaas gara dhugaatti kan isaan geesu hafuuri qullqulluun hin buunee waan tureef dha.         ••◉◉━━✰━━◉◉•• 🔻Lakkoobsa 8--9 haa qo'aannu 🔻8" Filiphos immoo, "Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a" ittiin jedhe. " jedha. 🔻Lakkoobsa 7 irraati gooftaan arrgitaniitu jedheenii ture. Gaaffiin filiphos garuu nu 👉agarsiisi kan jedhu ture. Gaafiin filiphos nu agarsiisi nu ga'a jedhu kun beela guddaa agarsiisa. Tari gaafiin filiphos kun akkuma abbooni daarrban waaqayyoon arrgan (ba'u 24:9-10/yoh 33:18/Isa 6:1) innis waaqayyoon arrguu barbaaduu isaati. Haa ta'u malee duraan waan gooftaan dubbate isaaf hin galleture. deebiin yesuus garuu 🔻 yoh14:9 irratti "Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, 'Abbaa nu argisiisi' jetta ree? " kan jedhu ture. yesuus waaqayyoon akka ta'ee akkasumas fakkaatti illma namaatiin isa mullate yesuusiin arrguun waaqayyoon (abbaa) arrguu akka ta'ee hin hubanne ture. Yesuus waaqayyo isa foon nama uffatee dha. (Yoh 1:14 fi 1:18)         ••◉◉━━✰━━◉◉•• 🔻Lakkoobsa 10--11 haa qo'aannu 10 :- " Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Jedha. Sagaleen kun illma waaqayyoo yesuusii fi abbaa gidduu tokummaa addaa jiru ibsa (akkasumas yoh10:30 fi 38/yoh 17:21-24 ilaalaa) Kunis tokkummaa gonkumaa hin jijiiramme gidduu isaanii jiru nuiif guutummaatti akka nutti agarsiisu hubanna. Yesuus kan foon uffate waaqa ija fooniitiin kan mullatu (arrgamu) danda'uu dha. Yesuus Waaqayyoon tokkummaa kanaan guutumatti ibsa. Yesuus kristoosii fi abbaan amalaan , eenyummaadhaan (one in essence and purpose) tokko waan ta'aniif kaayoodhaanis tokkodha. Kanaaf tokkummaa kana irraa kan ka'ee yesuus. "Abbaa isa ana keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin hin dubbadhu. " jedhe. Karaan tokkummaan addaa mull'atu keessaa tokko yesuus kristoos abbaa isa isa keessa jiruun kan dubbatu ta'uu isaati. Ibsituun eenyummaa isaanii abbaan yesuus keessa akkasumas yesuus abbaa keessa ta'uu isaati. Kana hubachuuf baayyee kan ullfaatuuf iccitii guddaa ta'ee dha. Yoommu taanaan iccitii kana hunda hubachuuf yaaluun tola (akkasumaan) dhama'uu dha. Sammuun dhala nama kamuu eenyummaa waaqayyoo guutummaatti hubachuu hin danda'uu waan ta'eef kana hubachuu fi amanuun bartootattiilee waan baayee itti ullfaate ture. Kanaafis goofftaan yesuus kristoos " Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na amanaa! yookiis sababii hojichuma kana hundumaaf ana amanaa!" 🔻(Yoh 14: 11) isaaniin jedhe. Humni (ayyaanni) waaqayyoo dinqii fi milikkita yesuus hojjeteen mull'ateera. Dinqiiwwan kun yesuus illma waaqayyoo akka ta'ee kana garsiisanii dha. Kanaafuu dinqiiwwaniin fi wantoota ta'an hundaan na amanaa jechuu isaa dha.    🔻🔻🔻#itti_fufa....... 🙏 Qo'annoo macaafa qullquluu kana waliif qooduun waliin wangeelaaf haa hojjeenu❗        💯💯💯💯 🅢︎🅗︎🅐︎🅡︎🅔︎🇴‌ 🇷F🅞🅡︎ W🅐︎🅡︎🅓︎         💯💯💯💯    ♥️ #EEBBIFAMAA ♥️
Sat, Sep 12 2020
📖 QO'ANNOO MACAAFA QULLQULLUU 📖      #KUTAA_2ffaa Yoh 14 :3 ...deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha." Jedha Goofftaan yesuus sababii inni lammafaa deebi'ee dhufuf inni ijoon warra isatti amanan (amantoota) fudhachuuf dha.  Bara baraan kiristoosiin faana akka jiraataniif isaan fudhachuuf dha.  Dhufeetan isin fudhadha yemmuu jedhu bartoota isaa wajjin jiraan #12n dabalatee isaan boodda, duraa fi karaa isaanii waarraa amanan hundumaa hammata. Yeroo inni lammafaa deebi'ee dhufus hin beekamu. ••◉◉━━✰━━◉◉••    Yoh 14: #4 fi #5 " Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu" #jedha. Kana jechuunis inni dhufee waan isaan fudhatuuf karicha ni beeku; inni karaa dhaqan isaan gegeessa. Sababni isaas inni karaa waan ta'eef dha.  yemmuu gooftaan kana jedhu toomaas immoo goofftaa yesuusiin "Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?" Jedhee gaafate. Gaaffii akka toomaas yoh 13:36 irraatti pheexiroos gaafatee ture. Yesuus kan deemu gara abbaa (waaqayyoo) dha. Karichi inni irra deemu immoo ofii isaa dha. Toommaas garuu waan kana hin hubanne ture. Akka hin hubanne ibsuu isaaatiinis goofftaan yesuus isaa lak. #6 irra jiru akka dubbatuf sababa ta'eeraaf ••◉◉━━✰━━◉◉•• Yoh 14:6 " Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu. " #jedha kana jechuunis Karaan kun maqaa iddootiin kan waamamu iddoo murta'a ta'e tokkoo miti. Karaan kun kan geessu gara waaqayyoo abbaatti dha. Karaan gara waaqayyoo abbaatti geessu immoo isa nama ta'ee illma waaqayyoodha.  Yesuus kiristoos #karaa garaa abbaati geessu dha. Karichi goofftaa yesuus kristoos dha galmi isaa immoo waaqayyoo abbaa dha. Gara abbaa kan geessu abdii dhugaa ta'e ykn abdii waaqayyootin dha. Abdiin sun immoo abdii qaqanamuu (tuqaamu) dandauu dha. Abdiin kun jireenya jireenya bara baraa kennuu dha. Jireenyi kun namni tokko yeroo amanu kan arrgatu ta'ee bara baraan kan itti fufuu dha. Kana jechuun Nuti warri amane sichi  arrganna osoo hin taanee yeroo amannu sana arrganeera. Kanaafuu yesuus kristoos karaa gara jireenyatti geessuu fi qaqabsiisuu dha.  (yoh 1:18,8:36,10:9,qol 1:15). Agarsiistuu mallatoo ykn luqqisii (tapella) karaa irra jiru ykn immoo "karichi gara kana geessa " akka waan jedhuu miti. Kan akkasii kun tajaajila cuuphaa jara yohannis ture.  Yesuus garuu ofii isaa karaa gara abbaatti geessuu dha. Kanaafuu nuti karaa kanaa wajjin tokkummaa yemmuu goonu karichi ofii isaa gara waaqayyootti nu geesaa. Achiinis nu gaha. Seenaa keessatti keessumaa iyyuu bara kanatti waa'ee waldanda'uu ( #tolerance )baayyee dubatama. Naannoo tokkotti ykn saba tokko keessa namootni jiraatan yaada, ilaala, amantii, tokko akka qabaatuf waan hin eegamneef waliin jiraachuuf hawaasa keessa wal dandauun barbaachisaadha . #Fakkeenyaaf bara (yeroo) gooftaa yesuus lafa irra tureetti yihudoonni illee goofftaa yesuusiin hin fudhaane (hin simanne) ture. Egaa kana jechuun sababa wal danda'uutiin gara waaqayyooti karaan geessu yesuus qofaadha kan jedhu gadhiisuu dhaan (laffisuu ) dhaan karaawwan baayeen jiru jedhanii yaaduu miti. Kun gonkumaan barumsa macaafa qulqulluu miti. Gara waaqa (uumaa) waaqa irra jiraatutti kan geessan karaawwan adda addaa akka jiru amantiiwwan baayyeen ni dubbatu. Uumaan waaqa irra jiru tokko qofaa akka ta'ee wangeelli ni dubbata. Innis waaqayyo kan jedhamu waaqaa fi abbaa gooftaa keenyaa yesuus kiristoos dha. Uumaan kun tokkicha illma isaa isa errge waaqayyoo dha (Yoh 3:16). Waaqani kun Yesuus kristoosiin Illma koo isa jaalatamaa jedhee isa waamee dha. Kanaafuu waaqni macaafa qullqulluu yesuusiin isa illma koo isa jaalatamaa jedhee waame waaqayyo  dha.  Gara waaqa kanaatti karaan geessu immoo tokkicha dha. Innis yesuus kiristoos dha. Waan kana ta'eef karaan biraa hin jiru. Kanaafuu amantii kiristaanummaatti jireenya bara baraa arrgachuuf yesuus kiristoos gara waaqayyoo karaa geessu ta'uu isaa amananii fudhachuudha malee waldanda'uu wanti jedhu hin jiru..... Itti fufii dubbisi kutaa kana xumurri....      👇👇👇
Sat, Sep 12 2020
📖📖📖📖📖📖📖 QO'ANNOO_MACAAFA_QULLQULLUU     ••◉◉━━✰━━◉◉••       YOHAANNIS 14 🔺 Macaaafa yohannis Boqonnaa #14 guutuu isaa wallin qo'anna kanaafuu obsaan haamma tumuraatti akka dubbifaattan ergaa koo jaalalaati 🔻waan baayyee akka irraa hubattan abdiin qaba. 🙏 Yaa waaqayyoo gooftaa warra dubbisan hundumaaf hafuurri kee haa ibsuuf       😔AMEEN 😔 ••◉◉━━✰━━◉◉••   M/d:- YESUUS KARAA GARA ABBAATTI GEESSU TA'UU ISAA     ••◉◉━━✰━━◉◉••    14:1 waliin haa ilaallu 📖..."Garaan keessan hin raafamin,... jedha 🔎 yeroo kanatti bartoonni hundi haalichaan osoo hin sodaatin hin hafne.    Gidduu isaanii keessaa goofftaa yesuusiin dabarsee kan kennu fi kan ganu jjjiraachuun isaa isaan sodaachisa.    Yesuus isaan irraa adda ba'ee deemuun isaa waan naasisuu dha. Hundumaa irraa pheexiroos kan ganu ykn dabarsee kan kennu errga ta'ee warrii kaan haamam jajjabaatu laata ?  Gaaffii jedhu kaasisa.   Goofftaan haala kannaf deebbii inni kenne Amanaa kan jedhuu dha.  📖 ...Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!"... jedha. 🔎Haala kana goofftaan duraan durrsee bartootatti kan himu yemmuu haalichi raawwatamu akka isaan hin naane/ rifannee fi warra amanan akka ta'aniif dha.     " Kunis yeroo raawwatamu akka amantaniif, duraan dursee utuu inni hin ta'in kunoo, isinitti himeera." (Yoh 14: 29)  waan jedheef  🔎Goofftaan Yesuus kan sababni inni isaanitti himuuf guyyoota yartuu baay'ee ullfaatoo fuldura isaanii jirutti amantiin isaan waaqayyoo abbaa wajjin qaban akka jalaa hin kufneef dha.    Waanti inni dubbate hundu ni ta'a.   Akkuma inni du'uu du'aa ka'uun isaas ni ta'aa.    🔑Kanaafuu yeroo dhiyootti du'aa fi gidiraa raawwatamuuf jiru arrganii akka hin bittinoofne ykn hin rifanne du'aa ka'uun akka jiru hubachiisuuf dha.            ••◉◉◉◉••    📖14:2 waliin haa ilaallu 📖 " Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira... jedha. 🔎 Jechi kun warri isa duukaa bu'aan hundi ykn tokkoon tokkoon namootaatiif kutaa/mana/ jireenyaa ni qopha'af fakkaata kana irraa ka'uu dhan Akka barreessitoota ibsa macaafaa tokko tokkotti kan yaadamu waaqa(samii) irraa akkuma baay'ina namootaatiin kutaawwaan akka jiran godhamee yaadama.    Karaa biraa immoo errgaan guddaan as irra jiru Barrtoota sodaa keessa jiraniif /amantootaf/ goofftaa yesuus kiristoos isa gara waaqatti ol ba'uun iddoon jireenyaa akka isaaniif qophaa'uu akka jiru mirrkaneessa.     Amalli inni duraa jireenyicha sanaa isa  faana jiraachuudha.   ..."iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif..." akkuma jedhee jechuudha. (Yoh 14: 3) Inni sun immoo mana abbaa isaati. Mana waaqayyoo isa ol waaqa irraa jiruu dha.   ...Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan'... (Yoh 13: 33)  jedhee ture amma garuu deebi'ee dhufeetan gara ofii kootti isin fudhadha.  Jedhe.        ••◉◉^◉◉•• 📖 ...utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture;... jedha. 🔎Goofftaan waan ta'uu dubbatee abdii ni kenna, waan hin taane immoo hin ta'uu jedha.    Duraan waan ta'uu bartoota hin dhokksine godaansii fi rakkinni akka jiru akeekachiiseera (yoh 16:2.) Waan itti himuu qabuu fi waa ndhugaa ta'ee hunda itti himeera.  Inni yeroo hunda dhugaa waan dubbatuuf #amanamaa dha.    Amanamaa waan ta'eef waan inni dubbate gara fulduratti rawwatu dhugaa dha.  #kanaafuu waaqa irratti mana kan isaaniif qopheessu dhugaa dha.    ••◉◉ #itti_fufa ◉◉•• 💟 Qo'annoo macaafa qullquluu kana waliif qooduun waliin wangeelaaf haa hojjeenu       💯💯💯💯 #🅢︎🅗︎🅐︎🅡︎🅔︎_🅢︎🅗︎🅐︎🅡︎🅔︎        💯💯💯💯 ♥️ #EEBBIFAMAA ♥️                 👇🅙🅞🅘🅝 🅤🅢👇 @Sagalee_jireenyaa @Sagalee_jireenyaa
Thu, Sep 3 2020
Barnoota Siyaasaa fi Kiristaanumaa Kutaa 4ffaa Garee waldaan siyaasa keessatti hirmaachuu hin qabdu jedhanii mormanii Beektonni tokko tokko waldaan dhimma siyaasaa fi mootummaa kessatti gonkumaa hirmaachuu hin qabdu jedhanii yeroo morman raagaalee armaan gadii kana dhiyeessu:  Yesuus mootummaa biyya lafaa fi kan Waaqayyo gargar baasee barsiiseera: Mootummaawwan lamaan kun jiraachuun isaanii beekamaa ta’e illee, amantoonni mootummaa biyya lafaa kana keessatti hirmaachuu hin qaban garuu hin jenne (Yoh 18:36, Yoh 19:11)  Itti gaafatamummaan amantootaa inni guddaan wangeela labsuu dha: Namoonni ga’een amantootaa wangeela labsuu qofa jedhanii dubbattan kutaalee Mat 28:19-20 irra jiran caqasu. Garuu warren kun wangeelli biyya lafaa iddoo hundatti lallabamuu akka qabu dagatu.  Qajeelfamni amala kristiyaanotaa amantoota qofaaf kenname: warri biyya lafaa qajeelfamoota naamusa kristiyaanotaa hin barbaadan waan ta’eef gar gar baanee jiraachuu qabna jedhu. Garuu Waaqayyo qajeelfama isaa namoota hundumaaf ifa godhee jira.  Kristiyaanonni qulqulluu fi warra Waaqayyoof foo’aman ta’uu qabu: amantoonni hedduun siyaasni tapha xuraa’aa waan ta’eef itti hirmaachuun barbaachisaa miti jechuun dubbatu. Kun dhugaa yoo ta’e iyyuu ifaa fi soogidda ta’uun lafa dukkanni jirutti akka ta’e ni dagatu.  Waldaan ammas dogongora wal fakkatu akka hin raawwannef: jarraalee darban keessa waldaan itti gaafatamummaa ishee dagachuun, keessattuu waldan Kaatolikii fi Ortodoksii Itiyoophiyaa bulchiinsa mootummaa wajjin walii galuun hojii jal’inaa hojjechaa turteetti. Kanaaf nutis sana irra barachuu qabna jedhu. Haa ta’uutii hirmaannan amantootaa dogongora wal fakkaatu gochuuf utuu hin taane biyya lafaatiif abdii kennuu, karaa itti agarsiisuuf ta’uu qaba. Walumaa galatti warri ilaalcha kana deeggaran waldaan wanta biyya lafaa keessatti seenudhaan xuraa’ummadhaan deddebi’uun isheerra hin jiru jechuun mormu. Garee waldaan siyaasa keessatti hirmaachuu qabdi jedhanii mormanii Gama biraatiin beektonnii fi geggessitoonni waldaalee hedduu keessattuu walakkaa jaarraa 20ffaa isa lammaffaa irraa kaasee hirmannaa waldaa deeggarruun yaada isaanii akka armaan gadiitti dhiyeessa turan:  Amantoonni hanga biyya lafaa kana keessa jiraatanitti dhimma siyaasaa irraa bilisa ta’uu hin danda’an kan jedhu dha. Kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan murtoowwan gama mootummaatiin godhaman lammillee biyyattii hunda waan ilaallatuuf siyaasa irraa bilisa ta’uun hin danda’amu. Waldaan wangeela labsuuf bu’uuraa misoomaa ishee barbaachisa, dhimmoota adda addaa raawwachiisuuf waajiraalee mootummaa wajjin wal quunnamtii gochuu qabdii. Kanaaf dhimma siyaasaa keessa hin galuu jechuun harka maratanii taa’uun akka qodaa gatamee fi dhaaba hin barbaachifneettii of fudhachuu ta’a.  Gama biraatiin dararamni, boo’ichi, haqa dhabuun, miidhamni sababa rakkoo siyaasatiin lammillee adda addaa irra ga’aatii jiru birmannaa namoota dhugaa dubbatanii haqaaf jiraatanii barbaada. Waldaan kristiyaanaa ifa wangeelaa, qajeelfama dubbii sagalee Waaqayyoo qabattee arsaa dhugaaf jiraachuun nama kafalchiisu hunda kafaluuf murteeffattee hojjechuun dirqama isheeti.  Waliigaltee Lawusen (Lausanne Covenant), 1974 A.L.A tti bara godhame irratti waldooleen warra wangeelaa hundi barbaachisummaa siyaasa keessatti hirmaannaa taasisuu irratti walii galuudhaan mallatteessanii jiru. Walii galtee kana keessas qabxiileen gurguddaan jiran:  Quuqama Waaqayyo haqa raawwachuuf taasisu keessatti hirmaachuu,  Hojii Waaqayyo arara buusuuf socho’uu keessatti hirmaachuu,  Qabsoo Waaqayyo garbummaa kallattii adda addaatiin dhala namaa qabatee keessaa bilisummaa baasuuf taasisaa jiru keessaa qooda qabaachuu,  Eenyumma dhala namaa hunda wal qixa kabajuu,  Nama kam iyyuu sarbuu irra of qusachuu,  Nama hundumaa tajaajiluu,  Hameenyaa fi cunqursaa hundaan mormuu,  Mootummaa Waaqayyoo fi tola kara Yesuus mul’ate agarsiisuu
Thu, Sep 3 2020
Barnoota Siyaasaa fi Kiristaanumaa Kutaa sadaffaa Ilaalcha Macaafni Qulqulluun Siyaasa Irratti Qabu Siyaasaa fi waldaa bara Kakuu Moofaa Waldaan kallattiidhaan bara Kakuu Moofaa keessatti mul’achuudhaa yoo baatte illee Waaqayyo saba ofii isaatiif filate ni qaba. Yeroo sabni Israa’el biyya Gibxiitii ba’an Waaqayyo geggeesaa akka isaaniif ta’uuf Musee kaaseef. Sana booda Iyyasuu, erga inni du’ee booda waggoota 300 oliif abboota firdiitiin geggeffamaa turan. Sana booda bara moototaan geeggeeffamutti ce’an. Israa’eelonni gosoota bulchiinsaa adda addaa keessa darbaniiru. Isaan kun hundumtuu Waaqayyoon kan kennamaniif yoo ta’u hundaa olitti haalota to’achaa kan ture garuu Waaqayyo dha. Haalota kana hunda keessatti Waaqayyo namonni angoo qabatan faayidaa dhuunfaatiif utuu hin taane haqa sabaa eguu akka qaban akkeekkachiseera (Kess 17:16-17, Far 72:1-4, Erm 21:12). Siyaasaa fi waldaa bara Kakuu Haaraa Walitti dhufeenyi waldaa fi siyaasaa bara Kakuu Haaraa walitti dhufeenya Waaqayyoo fi Israa’el kan bara Kakuu Moofaa ture irraa garaa garummaa guddaa qaba ture. Dhimma siyaasaa ilaachisee Yesuus gaaffilee adda addaa gafatamaa tureera. Waldaan Kaatolikii hojii Toomaas Akuyinaas irratti hundaa’udhaan waldaa fi mootummaan walitti dhufeenya yoo qabaatan rakkoo hin qabu jechuudhaan siyaasa keessatti ga’ee guddaa taphachaa turte. Uumamni Waaqayyoo hundi gaaridha, mootummaa fi bulchiinsiis isaan keessaa tokko waan ta’eef, waldaan dhimma kana keessatti yoo hirmaatte mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf dhiibbaa gaarii siyaasa irratti fiduu ni dandeessi jedhanii amanu turan. Faallaa isanaatiin warri Prootestaantii ilaalcha fi barsiisa Maartiin Luuter hordofuudhaan namni cubbuutti kufuu isaarraan kan ka’e waan faalameef fallaa Waaqayyo ta’uudhaan yaada isaatiin morma jedhee dubbate. Kanaaf Luuter waldaa fi siyaasa jidduu garaa garummaa guddaati jira jedhee barsiise. Ilaalchi kun dameewwan addaa addaa horachuudhaan waldaaleen hedduun irratti wal falmaa har’a geenyeerra.
Thu, Sep 3 2020
Kiristaanummaa fi siyaasaa Kutaa Lammaffaa Barsiisa Macaafa Qulqulluu fi Dhimma Siyaasaa Ilaalchi amantoonni dhimma kana irratti qabaachuu qaban hubannaa namoonni dhuunfaa luqqisuu tokko irratti qaban irratti qofaa ta’uun irra hin jiraatu. Dhugaa barsiisa macaafa qulqulluu qabiyyee walii gala keessatti, seenaa waldaa tilmaama keessa galchuun, waldhaansoo tajaajltoonni keessa darban hunda hubachuun barbaachisaa dha. Kaanafuu dhimma siyaasaa yeroo ilaallu barsiisa macaafa qulqulluu bu’uura ta’an kana beekuun barbaachisaa dha: i. Barsiisa waa’ee Waaqayyoo: Waaqayyo uumaa waan hundumaati. Yeroo uumuuttis wanta hundinuu gaarii godhee uume. (Uuma 1:1, 21,25). Falaasama warra Griikii “wantoonni mul’atan hundi xuraa’aa wantoonni ijaan hin argamane immoo qulqulluudha” kan jedhu ilaalcha sobaa kana gatuu qabna. ii. Barsiisa waa’ee namaa: Namni akka bifaaf fakkeenya Waaqayyootti uumame ture. Garuu addunyaan hundi namans dabalatee cubbuudhaan faalaman (Rom 5:12-21). Cubbuun kun haala jiruufi jireenya dhala namaa hunda booressuun walitti dhufeenyi hawasummaa sirni bulchinsaa akka faalamuu taasise. Addunyaa cabdee okkolaa deemtu kanaaf dhimmammuun amantoota irraa ni eegama. iii. Barsiisa waa’ee fayyinaa: Humni seexanaa karoora Waaqayyo wajjin waldhaansoo qabuun uumamnii fi dhalli namaa gadadoo keessa akka jiraatu gochuuf yeroo hunda dhama’a. Garuu kaayyoon Waaqayyo fayyisuu fi oolchu dha. Lola kana gargaarsa Waaqayyootiin alatti moo’achuun hin dandeenyu. iv. Barsiisa waa’ee Mootummaa Waaqayyoo: Namoonni karaa Yesuus carraa du’a jalaa bararamuu arganne hundi biyya lafaaf ifaa fi soogidda akka taanu abboomamnee jira (Maat 5:13-16). Akka ambaasadaroota Kristossitti iddoo jirru hundatti amala Waaqayyo calaqqisiisuu qabna. Dhimmaa hirmaannaa siyaasaa ilaalchisee gama amantootaatiin gaaffii ka’an hunda safartuu armaan olii irratti hundaa’uun deebisuun barbaachisaa dha. Waa’ee siyaasaa wantoonni jedhaman hundi sirrii dha jechuu hin dandeenyu. Garuu dhugaa dubbii Waaqayyoo irratti hundaa’uun hubannaa sirrii qabaachuun yeroo kam caalaa barbaachisaa dha.
Thu, Sep 3 2020
Siyaasaa fi Kiristiyaanummaa Kutaa 1ffaa Waa’een hirmaannaa Kristiyaanotaa dhimma siyaasaa keessatti qabaachuu qaban kun jaarraa hedduuf mormii fi gaaffii gurguddaa kaasaa tureera. Gartokkeen beektotaa akkuma waldaalee Kaatolikii fi Anglikaanii waldaan mootummaa wajjin hidhachuudhaan hojjechuu qabdi yeroo jedhan warri Prootestaantonni hordoftoonni falaasama Maartiin Luuter immoo waawuu! siyaasnii fi waldaan wal arguu hin qaban jechuun sarara diimaa kaa’uudhaan mormu.1 Yeroo dhaabbileen mishinarii warra Dhihaa kanneen akka Sudan Interior Mission (SIM) gara ardii keenyaa dhufan ilaalchuma Martiin Luuter kana qooddatanii waan dhufaniif waldaan dhimmaa siyaasaa keessa galuu hin qabdu jechuun barsiisaa turan. Kana irraan kan ka’e waldaaleen mishinaroota kanneen hundeeffaman ilaalchuma kana kunuunsuun itti fayyadamaa tura. Yaa ta’uutii jaarraa darbe walakkaa lammaffaa irraa jalaqabee haalli ture jijjiramuu eegale. Proofeser Kornooliyoos Olowolaa Preezidaantii duraanii Gamtaa Waldaalee Warra Wangeelaa Afrikaa Dhihaa akkas jechuun dubbatu “dhimma siyaasaa fi bulchiinsa mootummaa keessatti ciminaan hirmaachuun itti gaafatamummaa guddaa amantoota irraa eegamu dha”. Keessattuu yaada mishinarootaa kana gatuudhaan ardii keenyaa Afrikaa irratti maaliif waldaalee fi dhabbileen kristaanotaa hedduu ilaalcha kana fudhachuutti dhufan jennee yoo ilaallee: i. Rakkoo siyaasaa furuuf:- baroota 1960 A.L.Atti namoonni beekamoon kanneen akka Kwaamee Nkiruumah, Juliyees Neyreeree, Jomoo Keeniyaataa biyyi isaanii humna koloneeffatoota warra Awurooppaa jalaa bilisa akka baatuuf dhimma siyasaa keessatti hirmaachuun barbaachisaa dha jechuun socho’aa turuun milkaa’ina argatan.2 ii. Rakkoo diinagdee fi hawaasumma: - qaamni angoo qabate murtoowwan gurguddaa dhimmoota diinagdee fi haawasummaa irratti taasisuun haqa fiduu yookiin jal’isuu danda’a. Fayyadamummaa fi walqixxuummaa diinagdee fiduuf amantoonni siyaasa keessatti hirmaachun isaanii bu’aa guddaa qaba jedhamee waan yaadamuuf hayyoonni hedduun galaana siyaasaa of qusannaa tokko malee daakaa jiru. iii. Rakkoo amantii furuuf: - baroota 1950 A.L.A dura waldaan siyaasa akka iddoo gataa kosii fi teessuma balfaatti ilaaluun dheessa turte. Garuu hundeeffamuu dhaabbilee amantootaa, babal’ina gumii baratoota kristiyaanotaa fi guddinaa ilaalcha amantootaa wajjin wal qabatee haalonni jijjiramuu eegalan. Keessattuu Fakk 28:2 “Biyya Waaqayyo irratti kaatu bulchitoota isheetu baay’ata, nama hubataadhaa fi beekaa yoo qabaatte garuu mootummaan ishee jaabaatee in dhaabata” kan jedhu qabachuudhan hirmaannaa amantootaa jajjabeessuu eegalan.
Mon, Aug 31 2020
Just it's Jesus: 💡💡💡Kutaa 1ffaa💡💡💡 GAAFFILEE WAA’EE YESUUS KIRISTOOS IRRATTI KA’ANII FI DEEBII ISAANII 1. Yesuus kiristoos dhuguma Waaqa yoo ta’e akkamitti du’uu danda’a? Waaqni ni du’aa?? (Yoh  19:30, 1Qor 15:3)  Eeyyeen Waaqayyo inni dhugaan hin du’u, harkaan qabamees hin fannifamu. Sababni isaas inni ifa homtinuu itti  dhi’aachuu hin dandeenye keessa jiraata. 1Xim 6:16  Gaaffii kanas deebisuuf Yesuus eenyu akka ta’ee fi maaliidhaan jechuunis maal isaatiin akka du’e beekuun  barbaachisaa dha. Yesus jechuun  sagalee Waaqayyoo isa foon uffatee namoota gidduu buufatee dha. Yoh 1:14  Bifa Waaqayyoo inni ijaan hin mul’anne sun ittiin namootatti of mul’isee dha. Qol 1:15, Yoh 14:8-10   Waaqa ulfina isaa sana gadi dhiisee bifa garbummaa fudhachuudhaan, fakkaattii namummaatiin dhalatee waan  hundumaanis nama ta’ee argamee dha. Fil 2:6-7 Akkuma keenya dhiigaa fi foon uffatee, seexana humna du’aa qabu balleessuu dhaaf isa nama ta’ee dha. Ibr 2:14 Akkuma nama kamiiyyuu (cubbuu irraan kan hafee) kan dadhabu, kan guddatu, kan dheebotu, kan nyaatu, kan  rafuu fi kan kadhatu ture. Ibr 4:15, Luq 2:40  Kana gaafa jedhamu garuu yeroo (si’a) tokko nama ta’ee yeroo tokko Waaqa ta’a jechuu utuu hin taane Waaqummaan  isaas namummaan isaas qaamuma ykn dhagnuma tokko keessa jiraateeti.   Qol 2:9 “Guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kristoos keessa in jiraata”. Yesus bifa lama (2) qaba . ✏✏✏Itti fufa✏✏✏ yaada keessan(comment) qabdan karaa @Ibsag fi @Chala12  nun gahu dandeessu. @Tikseegaarii @Tikseegaarii @Tikseegaarii @Tikseegaarii 💡💡💡Kutaa 2ffaa💡💡💡 A. Bifa waaqummaa==(Amala waaqummaa qaba.)  Uumaa dha/creator  Waaqayyoodha. 1Yoh 5:20, Yoh 20:28  Hunda beeka/omniscient  Ilma waaqayyooti. Yoh 5:18  Hin du’u/immortal  Hafuura  Hin dhalanne(hindhalatu)  Waan hunda danda’a/omnipotent  Uumamuu uumama hundumaa dura ture (Aalfaa fi Omeegaa dha) .Waaqayyo guddicha dha. Tit 2:13, Isa 9:6 B. Bifa namummaa== (amala namaa qaba) - Ni dhalate - Ni guddate  - Ni nyaate - Ni dadhabe - Ni du’e - Ilma namaati. Mat 16:13 - Foonii fi lubbuu qaba (fedha, miiraa fi beekumsa qaba) - Waggoota kuma lamaan dura kan tuffatame - Waan hunda hin beeku. Mat 24:36  Kanaaf waa’een du’uu Yesus yeroo dubbatamu bifa waaqummaa isaatiin utuu hin ta’in bifa namummaa  isaatiin ta’uun dagatamuu hin qabu. Jechuunis Yesuus kan du’e hafuuraan utuu hin ta’in foon isaatiini dha.  (1Phex 3:18, HoE 2:31) sababiin isaa Waaqayyo gonkumaa hin du’u, inni hafuura. 1Xim 6:16, Yoh 4:24  Bifa waaqummaa isaatiin du’uu waan hin dandeenyeefis bifa namummaa isa du’uu danda’u uffatee mu’late.  Ibr 2:14 ✏✏✏Itti fufa✏✏✏
< Back to Home