Updated on Sat, Sep 12 2020
🔴 KUTAA 3ffaa 🔴
📖📖📖📖📖📖
QO'ANNOO_MACAAFA_QULLQULLUU
••◉◉━━✰━━◉◉••
🔻Yoh 14 : 7🔻
Kutaawwaan darrban keessatti yesuus kiristoos karaa tokicha gara abbaatti geessu ta'uu isaa qo'aneera itti fufnee immoo yesuusiin beekuu jechuun abbaa beekuu akka ta'ee qo'anna akkasumas (yoh 1:18/Qol 1:15/Ibr 1:13 ilaalaa)
Dhugaa kana bartoonni hubachuu qabu turan sabaniin isaas yemmuu adeemmsa yesuusiin faana bartuu ta'anii turanitti waan kana hundumaa isaan barsiisaa fi ibsaaf ture.
••◉◉━━✰━━◉◉••
🔻 Lakkaobsa 7 haa qo'aannu
" Ana beektanii utuu jiraattanii, abbaa koos in beektu turtan; jedha.
Beekumsi isaanii kun beekumsa ilaalanii baruu irratti hunda'ee dha. Kan inni isaaniin jedhe fulduratti ni beektu osoo hin taane amma irraa kaastanii dha kan jedhe. Yeroo sanaa kaasanii baruu fi tokkummaa gochuu akka isaan dandaan isaanitti himeera. Bartoonni garuu dhugaa guddaa kana hin hubanne ture. Sababiin isaas yesuus ammaallee hin duune hin kaanes ture. Akkasumaas gara dhugaatti kan isaan geesu hafuuri qullqulluun hin buunee waan tureef dha.
••◉◉━━✰━━◉◉••
🔻Lakkoobsa 8--9 haa qo'aannu
🔻8" Filiphos immoo, "Yaa gooftaa, abbaa nu argisiisi, kanaa achi nu ga'a" ittiin jedhe. " jedha. 🔻Lakkoobsa 7 irraati gooftaan arrgitaniitu jedheenii ture. Gaaffiin filiphos garuu nu 👉agarsiisi kan jedhu ture. Gaafiin filiphos nu agarsiisi nu ga'a jedhu kun beela guddaa agarsiisa. Tari gaafiin filiphos kun akkuma abbooni daarrban waaqayyoon arrgan (ba'u 24:9-10/yoh 33:18/Isa 6:1) innis waaqayyoon arrguu barbaaduu isaati. Haa ta'u malee duraan waan gooftaan dubbate isaaf hin galleture. deebiin yesuus garuu 🔻 yoh14:9 irratti "Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, 'Abbaa nu argisiisi' jetta ree? " kan jedhu ture. yesuus waaqayyoon akka ta'ee akkasumas fakkaatti illma namaatiin isa mullate yesuusiin arrguun waaqayyoon (abbaa) arrguu akka ta'ee hin hubanne ture. Yesuus waaqayyo isa foon nama uffatee dha. (Yoh 1:14 fi 1:18)
••◉◉━━✰━━◉◉••
🔻Lakkoobsa 10--11 haa qo'aannu
10 :- " Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru hin amantuu ree? Jedha. Sagaleen kun illma waaqayyoo yesuusii fi abbaa gidduu tokummaa addaa jiru ibsa (akkasumas yoh10:30 fi 38/yoh 17:21-24 ilaalaa)
Kunis tokkummaa gonkumaa hin jijiiramme gidduu isaanii jiru nuiif guutummaatti akka nutti agarsiisu hubanna. Yesuus kan foon uffate waaqa ija fooniitiin kan mullatu (arrgamu) danda'uu dha. Yesuus Waaqayyoon tokkummaa kanaan guutumatti ibsa. Yesuus kristoosii fi abbaan amalaan , eenyummaadhaan (one in essence and purpose) tokko waan ta'aniif kaayoodhaanis tokkodha. Kanaaf tokkummaa kana irraa kan ka'ee yesuus.
"Abbaa isa ana keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta malee, dubbii ani isinitti dubbadhu hundumaa ofuma kootiin hin dubbadhu. " jedhe.
Karaan tokkummaan addaa mull'atu keessaa tokko yesuus kristoos abbaa isa isa keessa jiruun kan dubbatu ta'uu isaati. Ibsituun eenyummaa isaanii abbaan yesuus keessa akkasumas yesuus abbaa keessa ta'uu isaati. Kana hubachuuf baayyee kan ullfaatuuf iccitii guddaa ta'ee dha. Yoommu taanaan iccitii kana hunda hubachuuf yaaluun tola (akkasumaan) dhama'uu dha. Sammuun dhala nama kamuu eenyummaa waaqayyoo guutummaatti hubachuu hin danda'uu waan ta'eef kana hubachuu fi amanuun bartootattiilee waan baayee itti ullfaate ture. Kanaafis goofftaan yesuus kristoos
" Ani abbaa keessa, abbaanis ana keessa akka jiru na amanaa! yookiis sababii hojichuma kana hundumaaf ana amanaa!" 🔻(Yoh 14: 11) isaaniin jedhe. Humni (ayyaanni) waaqayyoo dinqii fi milikkita yesuus hojjeteen mull'ateera. Dinqiiwwan kun yesuus illma waaqayyoo akka ta'ee kana garsiisanii dha. Kanaafuu dinqiiwwaniin fi wantoota ta'an hundaan na amanaa jechuu isaa dha.
🔻🔻🔻#itti_fufa.......
🙏 Qo'annoo macaafa qullquluu kana waliif qooduun waliin wangeelaaf haa hojjeenu❗
💯💯💯💯
🅢︎🅗︎🅐︎🅡︎🅔︎🇴 🇷F🅞🅡︎ W🅐︎🅡︎🅓︎
💯💯💯💯
♥️ #EEBBIFAMAA ♥️