Updated on Sat, Oct 3 2020
KIRISTOOLOJII

👍KUTAA SHANAFFAA

Wàaqummaa Kiristoos(II)

👍Maqoota Waaqaa isaaf kennaman(Divine Names Applied To Him)

1. Inni abbaa bara baraan jiraatu ykn Abbaa barabaraati(Isa.9:60)
2. Inni Gooftaa jedhameera(Iyu.2:32;Hoe.2;21Rome10:13;Hoe.9:17)
3. Inni Hiwwaa/Jehova jedhameera(Uma.19:24;Hos.1:7;zak.12:10;Far.83:18;Isa12;2)
4. Inni Aalfaa fi Oomeegaa dha( Mul.1:7-11;22:13-16)
5. Inni isa jalqaa fi isadhumaa ti (Isa44:6;41:448:12,Mul1:17-18)
6. Inni sagalee barabaraa ti (Yoh 1:1,Ibr.1:1-2)
7. Inni isa “Ani” jedhu dha(Kes 3:14-15;Yoh.8:56-58)
8. Inni hundee fi hidda Daawit. Inni ilma, goofaadhas Daawitiif ,foon uffachuu isaatiin (Mu.22:16;Mat 9:27;21:9;22:41-42)
9. Inni ilma Waaqaati,ilmummaa Waaqaa. Dhugaas bahameeraaf.
    a) Waaqayyo Abbaadhaan(mar.1:24)
    b) Hafuurota hamoon(Mat   8;290
    c) Ergamaa Gabri’eeliin (Luq.1:35)
    d) Bartoota isaan(Mat.16:16-17:Rome1:1-3)
    e) Gooftaa mataa isaan ( Mar.1:61-62,Luq.22:70,Yoh 5:25;11:40
10. Inni isa Waaqa isa Qulqulluu dha(Mar.1;24)
11. Inni dhugaa dha( Yoh14:6).Inni dhugaa dubbata;ofii isaatis dhugaa dha.

👍Amaloota Hojii Waaqaa isaaf ta’an

Hojiin Waaqaa Ilma Waaqaatiin raawwataman ( Yoh.14:11,10:37;5:36)

1. Inni uumaa biyya lafaati (Ibr.1:3;Uma.1:1-5;Yoh.1:1-4,10)
2. Inni uumaa ergamtootaa fi namaati ( uma.1;26;Fakk.8:30,Qol.1;16-17)
3. Inni cubbuuf dhiifama godha( Hoe.5:31;Luq.5:12-14,Mat.9:6;Mar.2:5-
7;Qol.3:13).Cubbuudhaaf dhiifama gochuu kan danda’u Waaqayyo qofa.
4. Inni du’aa kaasee jiraachisa(Yoh.5:28-29;11:25;Fil.3:21)
5. Inni biyya lafaatti sirriitti murteessa ;aboo kanaas qaba(Yoh.5:22-
29;Hoe.17:312Qor.5:10;2Xim.4:1)
6. Inni sagalee isaatii addunyaa qabee jira(Ibr.1:3;Qol1;17).
7. Inni jireenya barabaraa kan kennuudha warra itti amananiif ( Yoh.10:28;17:2)
8. Dhuma biyyaa lafaaf haaromsa fida (Ibr.1;10-12,Mul21:5;mat.19:28)

😂Waaqeffaan Waaqummaa isaaf ta’an

Yesuusif waaqeffannaan in ta’aaf;kennameeraafis.Inni naaf hin ta’u hin jenne akka namoota Waaqayyoo fi ergamamoota filatamanii waaqeffannaan nuuf hin ta’u jedhanii.

Yesuus akka Waaqaatti Waaqessuun Waaqayyoon arrabsuu dha yoo inni Waaqa ta’uu baate.

1. Inni ergamootaan waaqeffameera( Ibr.1:6;Isa.6:1-5;Mul.5:12-14)
2. Inni namootaan waaqeffameera ( Mat.8:2;15:25-28;28:17;luq 24:51-52;Hoe.1:24)
3. Gara isaatti kadhatni dhiyaateera akka waaqatti ( Hoe.1;24;7:59-60)
4. Inni uumamaan waaqeffameera(Mul 5:13)
5. Inni kabajameera Waaqa Abbaa wajjin walqixa (Yoh.5:23;Mul.1:5-6;Ibr.1:6-8)

👍Wantoonni Waaqayyoof ta’an akka isaaf ta’an

Yesuus wanta Waaqayyo qofaaf ta’u raawwateera.
1. Waaqayyoo wajjin tokko akka ta’e( Yoh.10:30;38;5:23;14:10)
2. Inni Waaqayyo akka abbaa isaa ta’etti fudhateera( luq.2:42-52;Mat12:48;Mar3:33-
34). Inni tasumaa Yoosef akka abbaa isaa ta’etti hin beeksifne.
3. Inni akka Waaqayyo abbaan jaallatutti akka jaallatu ibse(Mat.10:37-38;Luq.14:26)
4. Inni “Ani” jechuun jireenya isaa isa Waaqarraa mul’ise (Yoh.8:56-58;18:1-5)
5. Ilma Waaqaa akka ta’e , Waaqa akka ta’e (Yoh.5:25;11:4;Mar12:6).

< Back to Home