Updated on Mon, Sep 21 2020
Kutaa Tokko

Barsiisa Waahee Kiristoos (Christology)

Yesuus Kiristoos Waaqa akkasumas ilma Waaqayyoo akka ta’e Macaafni Qulqulluun ifatti dubbata.
Kana qofas osoo hin taane yeroo tokkichatti Kiristoos Waaqaa fi nama akka ta’es in ibsa. Amalootni kunniin Kiristoos qabu kan wal hin maknee fi kan gar gar hin bane akka ta’ee beekuun barbaachisaa dha. Kanaafuu wanta kana irra caalatti hubachudhaaf kanneen armaan gadii sirritti yaa hubannu.

Jireenya Yesuus biyya lafaa kana irra yemmuu turetti 
Jirenyi Yesuus biyya lafaa kana irrattii dabarse jaalala Waaqayyo abbaan biyya lafaaf qabu karaa ittiin qabu agarsiisa( Yoh.3;16-17). Yesuus Kiristoos dhala namaa fayyisuuf foon  namaaa qabaatee , nama ta’ee ( Ib.4:15), gad of deebise( Fil.2). Kana malees jireenya inni biyya lafaa kana irratti dabarse Macaafa qulqulluu keessatti akka armaan gaddiitti ilaalla.

1) Dhalachuu fi guddachuu isaa Yohannis akka caafetti:” sagalechis fooni ta’ee, nu gidduus buufate. Ulfinni isaas isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture.” ( Yoh.1:14-18). Waaqni foon namaa uffatee namas ta’ee namoota gidduu deddeebi’uun sammuu namaan yaaduun bira gahuun waan salphaa miti. Luqaas ammo akkasitti ibsa Ergamichi immoo hafuurri qulqulluun si irra in bu’a, humni abbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluu dhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama” 
(Luq.1:35). Asirratti ammmoo hafuura qulqulluun akka dhalate hubanna( Gal. 4:14). Kun ammo abdii Waaqayyo Kakuu Moofaa keessatti gale akka raawwatu dha ( Isa 7:14, 9:1-7).
2) Cuuphamuu Yesuus 
Jireenya Yesuus biyya lafaa irratti dabarse keessaa tokko seera cuuphaa raawwachuu ture.

Yohannis cuuphaan lafa onaa keessa bishaaniin namoota cuuphaa waa’ee Yesuus akka labsu raajjonni dubbatanii turan ( Isa. 40:3). Yemmuu Yohannis laga Yoordanoositti cuuphaa 
turetti maalif Yesuus akka cuuphame akka armaan gadiitti hubanna. 
1. Yemmuu Yesuus cuuphamuuf gara Yohannis deemetti “ Yohannis siin cuuphamuun anaaf 
barbaachisa,ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?” (Mat. 3:14). “ Yesuus garuu deebiseeWaaqayyo duratti waan qajeelaa ta’e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta’uuf, amma ana ittisuu dhiisi! Jedheen.” ( Mat. 3:15). Jechuun laga yoordanoositti cuuphame. 
Kana yemmuu raawwatu seera Yihuudotaa raawwate. 
2. Yesuus erga bishaaniin cuuphamee booda hafuurri qulqulluun bifa gugeen irra buufate , Waaqayyo abbaan samii irraa itti yemmuu dubbatu dhagaahame ( Mat.16-17). Kanneen caqasaman lamaan kun egaan sababa Yesuus bishaniin cuuphameef hubachiisu.
3) Qoramuu Yesuus 
Jireenya Yesuus biyya lafaa irratti dabarse keessaa tokko ammo seexanaaan qoramuu dha. 
Inni akkuma bishaan cuuphamee baheen hafuura qulqulluun geggeeffamee gara lafa onaa deema. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamas soomee. Seexannii itti dhiyaatee karaa sadii 
isa qore. Haa ta’u malee Yesuus mo’ichaan keessa darbe . Kanaan booda Yesuus hojii garaagaraa raawwate. Kanneen armaan gadii:
4) Wangeela lallabe 
Kaayyoo biyya lafaa kana irra bifa kanaan dhufeef namootatti beeksise. Warra rakkoo 
garaagaraa qababniif furmaata kenne. Ofitti waame( Mat. 11:28).
5) Karaa Jireenyaas barsiise. Namoonni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akkamii 
qabaachuu akka qaban barsiise. Akkamitti kadhachuu akka qaban barsiiseera ( mat. 6:9-13). 
Kana malees jireenya waaqayyoon gammachiisuu akkamitti akka jiraatan hubachiiseera( Mat. 7:21). Waa’ee barsiisaa fi dinqiiwwaan inni yemmuu biyya lafaa irra ture hojjete Wangeeloota arfan keessaa sirriiti argachuun in danda’ama.

Kutaa lammaffaa.. KIRISTOOLOJII

Eenyummaa Kiristoos ilaalchisee bara duriitti barsiisa sobaa turan:


Macaafni Qulqulluun waa’ee gooftummaa Yesuus cimsee haa dubbatu iyyuu malee tokko tokko jireenya dhugaa kana amananii hin fudhatan.Mee kanneen keessa muraasa akka itti aanuu tti ilaaluu haa yaallu.
1. Iibiiyoonaayit (Ebionites):-Waaqummaa Kiristoos kanneen ganan dha.
2. Noositiksi ( Gnostics) :-Nama ta’uu Yesuus kanneen ganan dha.
3. Aariyosaawwota ( Ariuns) :-Yesuus uumama jedhanii kan barsiisanii dha.
4. Appoliinaawota ( Apollinarians) :-kiristoos nama ta’uu isaa kanneen ganan dha
5. Nesxooriiyaanota ( Nestorians):- Waaqummaan kan guutame garuu nama jedhanii barsiisu.Haa ta’u malee amaloota lamaan yeroo tokkotti kan qabate miti jedhanii barsiisu.Waaqummaan Kiristoos sagalee isaan (Logos) waaqummaan kan guutame gara namummaatti jijjiirameera jedhu.
6. Iiyuutiikaan (Eutychians):-Amaloota Yesuus lamaan kan hin fudhanne dha.Jechuun amala sadaffaa akka qabutti warra barsiisan dha.Kunis namni Waaqaa wajjin walquunnamtii gochuun qaama sadaffaa uumeera;kunis namas waaqas ta’uu kan danda’u.
7. Moonoofiisaayit (Monophyites):Kiristoos kan jiru akka amala isaatti jedhanii 
barsiisu.Namummaa Kiristoos kan hin fudhannedha.Namummaan isaa guddifachaa malee 
kan bara baraa miti kan jedhanii dha.

Akka warra armaan oliitti ilaalletti hubannoo isaan Yesuus irratti qaban ibsaniitti yaada galeef ykn bitaa itti gale ta’uu danda’u dha. Haa ta’u malee akkuma seensa irratti ibsuuf yaalletti Yesuus amaloota lamaan jechuun amala namaa fi Waaqummaa akka qabu Kakuu moofaa fi Kakuu Haaraa keessatti hubachuu dandeenya.



KIRISTOOLOJII

Kutaa Sadaffaa

Yesuus Nama Ta’uu maaliif akka barbaachise (The Importance of Incarnation)


Kiristoosiin maalif foon uffachuu isa barbaachise? Nama ta’uu wanti barbaachiseef gatii cubbuu 
kafaluuf.Kunis Kiristoos akka du’uuf.Kana wanti ta’eef ilmaan naommotaa keessaa cubbuudhaaf du’uu kan danda’u waan hin jirreef Waaqayyo foon uffatee dhufee du’eef.

Foon uffachuunis ilmaan namootaa hundaaf yeroo tokko fi dhumaaf du’eera.Kunis ta’uu kan danda’e foon uffachuu 
isaatiini. Foon uffachuun hangas waan barbaachisuuf yesuus nama ta’e jechuu dha.

Sababa nama ta’uun barbaachiseef (The Reason for the Incarnation)

1. Abdii Fayyinaf jiru cimsuuf:-Rome.15:8-9,Mat.1:1,Isa.7:14;9:6-9;Uma.3:15,22,Mik.5:1-2.

2. Raawwii seeraa, Faarsaa, fi Raajii(Kakuu Moofaa)

3. Mul’ata Abbaa guutuu gochuuf (Yoh 1:14-18;14:9,16:27)

4. Daabiloosii fi mootummaa isaa balleessuuf.

5. Jireenya namaa isaa qulqulluu ta’ee fi cubbuu hin 
qabnejiraachuuf(Mat.11:29,1Yoh.2:6,1Ph.2:21)

6. Ofii isaa aarsaa gochuun cubbuu ballessuuf.

7. Kakuu Haaraan akka dhiibbaa uumu gochuuf.

8. Tajaajilli Kakuu Moofaa akka raawwatuuf ( Raajii, Luba, Mootii).

9. Karoora waajjuu keessatti deebi’ee dhufuu isaa ifatti baasuuf(Dan.9:24,Rom.8:18-
25,Heb.9:27-28,Fil.3:12,1Qor.15:25-28)

Kiristoos si furuuf ulfina ofii dhiisee NAMA ta'e!

Mee bakka jirtutti Altokko 'Galatakee Yesuus' jedhi!



https://.t.me/Qayyabannaamacaafaqulqullu
< Back to Home