Updated on Thu, Sep 3 2020
Barnoota Siyaasaa fi Kiristaanumaa
Kutaa 4ffaa
Garee waldaan siyaasa keessatti hirmaachuu hin qabdu jedhanii mormanii
Beektonni tokko tokko waldaan dhimma siyaasaa fi mootummaa kessatti gonkumaa hirmaachuu hin qabdu jedhanii yeroo morman raagaalee armaan gadii kana dhiyeessu:
Yesuus mootummaa biyya lafaa fi kan Waaqayyo gargar baasee barsiiseera: Mootummaawwan lamaan kun jiraachuun isaanii beekamaa ta’e illee, amantoonni mootummaa biyya lafaa kana keessatti hirmaachuu hin qaban garuu hin jenne (Yoh 18:36, Yoh 19:11)
Itti gaafatamummaan amantootaa inni guddaan wangeela labsuu dha: Namoonni ga’een amantootaa wangeela labsuu qofa jedhanii dubbattan kutaalee Mat 28:19-20 irra jiran caqasu. Garuu warren kun wangeelli biyya lafaa iddoo hundatti lallabamuu akka qabu dagatu.
Qajeelfamni amala kristiyaanotaa amantoota qofaaf kenname: warri biyya lafaa qajeelfamoota naamusa kristiyaanotaa hin barbaadan waan ta’eef gar gar baanee jiraachuu qabna jedhu. Garuu Waaqayyo qajeelfama isaa namoota hundumaaf ifa godhee jira.
Kristiyaanonni qulqulluu fi warra Waaqayyoof foo’aman ta’uu qabu: amantoonni hedduun siyaasni tapha xuraa’aa waan ta’eef itti hirmaachuun barbaachisaa miti jechuun dubbatu. Kun dhugaa yoo ta’e iyyuu ifaa fi soogidda ta’uun lafa dukkanni jirutti akka ta’e ni dagatu.
Waldaan ammas dogongora wal fakkatu akka hin raawwannef: jarraalee darban keessa waldaan itti gaafatamummaa ishee dagachuun, keessattuu waldan Kaatolikii fi Ortodoksii Itiyoophiyaa bulchiinsa mootummaa wajjin walii galuun hojii jal’inaa hojjechaa turteetti. Kanaaf nutis sana irra barachuu qabna jedhu. Haa ta’uutii hirmaannan amantootaa dogongora wal fakkaatu gochuuf utuu hin taane biyya lafaatiif abdii kennuu, karaa itti agarsiisuuf ta’uu qaba.
Walumaa galatti warri ilaalcha kana deeggaran waldaan wanta biyya lafaa keessatti seenudhaan xuraa’ummadhaan deddebi’uun isheerra hin jiru jechuun mormu.
Garee waldaan siyaasa keessatti hirmaachuu qabdi jedhanii mormanii
Gama biraatiin beektonnii fi geggessitoonni waldaalee hedduu keessattuu walakkaa jaarraa 20ffaa isa lammaffaa irraa kaasee hirmannaa waldaa deeggarruun yaada isaanii akka armaan gadiitti dhiyeessa turan:
Amantoonni hanga biyya lafaa kana keessa jiraatanitti dhimma siyaasaa irraa bilisa ta’uu hin danda’an kan jedhu dha. Kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan murtoowwan gama mootummaatiin godhaman lammillee biyyattii hunda waan ilaallatuuf siyaasa irraa bilisa ta’uun hin danda’amu. Waldaan wangeela labsuuf bu’uuraa misoomaa ishee barbaachisa, dhimmoota adda addaa raawwachiisuuf waajiraalee mootummaa wajjin wal quunnamtii gochuu qabdii. Kanaaf dhimma siyaasaa keessa hin galuu jechuun harka maratanii taa’uun akka qodaa gatamee fi dhaaba hin barbaachifneettii of fudhachuu ta’a.
Gama biraatiin dararamni, boo’ichi, haqa dhabuun, miidhamni sababa rakkoo siyaasatiin lammillee adda addaa irra ga’aatii jiru birmannaa namoota dhugaa dubbatanii haqaaf jiraatanii barbaada. Waldaan kristiyaanaa ifa wangeelaa, qajeelfama dubbii sagalee Waaqayyoo qabattee arsaa dhugaaf jiraachuun nama kafalchiisu hunda kafaluuf murteeffattee hojjechuun dirqama isheeti.
Waliigaltee Lawusen (Lausanne Covenant), 1974 A.L.A tti bara godhame irratti waldooleen warra wangeelaa hundi barbaachisummaa siyaasa keessatti hirmaannaa taasisuu irratti walii galuudhaan mallatteessanii jiru. Walii galtee kana keessas qabxiileen gurguddaan jiran:
Quuqama Waaqayyo haqa raawwachuuf taasisu keessatti hirmaachuu,
Hojii Waaqayyo arara buusuuf socho’uu keessatti hirmaachuu,
Qabsoo Waaqayyo garbummaa kallattii adda addaatiin dhala namaa qabatee keessaa bilisummaa baasuuf taasisaa jiru keessaa qooda qabaachuu,
Eenyumma dhala namaa hunda wal qixa kabajuu,
Nama kam iyyuu sarbuu irra of qusachuu,
Nama hundumaa tajaajiluu,
Hameenyaa fi cunqursaa hundaan mormuu,
Mootummaa Waaqayyoo fi tola kara Yesuus mul’ate agarsiisuu