Updated on Thu, Sep 3 2020
Barnoota Siyaasaa fi Kiristaanumaa
Kutaa sadaffaa
Ilaalcha Macaafni Qulqulluun Siyaasa Irratti Qabu
Siyaasaa fi waldaa bara Kakuu Moofaa
Waldaan kallattiidhaan bara Kakuu Moofaa keessatti mul’achuudhaa yoo baatte illee Waaqayyo saba ofii isaatiif filate ni qaba. Yeroo sabni Israa’el biyya Gibxiitii ba’an Waaqayyo geggeesaa akka isaaniif ta’uuf Musee kaaseef. Sana booda Iyyasuu, erga inni du’ee booda waggoota 300 oliif abboota firdiitiin geggeffamaa turan. Sana booda bara moototaan geeggeeffamutti ce’an.
Israa’eelonni gosoota bulchiinsaa adda addaa keessa darbaniiru. Isaan kun hundumtuu Waaqayyoon kan kennamaniif yoo ta’u hundaa olitti haalota to’achaa kan ture garuu Waaqayyo dha. Haalota kana hunda keessatti Waaqayyo namonni angoo qabatan faayidaa dhuunfaatiif utuu hin taane haqa sabaa eguu akka qaban akkeekkachiseera (Kess 17:16-17, Far 72:1-4, Erm 21:12).
Siyaasaa fi waldaa bara Kakuu Haaraa
Walitti dhufeenyi waldaa fi siyaasaa bara Kakuu Haaraa walitti dhufeenya Waaqayyoo fi Israa’el kan bara Kakuu Moofaa ture irraa garaa garummaa guddaa qaba ture. Dhimma siyaasaa ilaachisee Yesuus gaaffilee adda addaa gafatamaa tureera.
Waldaan Kaatolikii hojii Toomaas Akuyinaas irratti hundaa’udhaan waldaa fi mootummaan walitti dhufeenya yoo qabaatan rakkoo hin qabu jechuudhaan siyaasa keessatti ga’ee guddaa taphachaa turte. Uumamni Waaqayyoo hundi gaaridha, mootummaa fi bulchiinsiis isaan keessaa tokko waan ta’eef, waldaan dhimma kana keessatti yoo hirmaatte mootummaa Waaqayyoo babal’isuuf dhiibbaa gaarii siyaasa irratti fiduu ni dandeessi jedhanii amanu turan.
Faallaa isanaatiin warri Prootestaantii ilaalcha fi barsiisa Maartiin Luuter hordofuudhaan namni cubbuutti kufuu isaarraan kan ka’e waan faalameef fallaa Waaqayyo ta’uudhaan yaada isaatiin morma jedhee dubbate. Kanaaf Luuter waldaa fi siyaasa jidduu garaa garummaa guddaati jira jedhee barsiise. Ilaalchi kun dameewwan addaa addaa horachuudhaan waldaaleen hedduun irratti wal falmaa har’a geenyeerra.