Updated on Thu, Sep 3 2020
Siyaasaa fi Kiristiyaanummaa

Kutaa 1ffaa


Waa’een hirmaannaa Kristiyaanotaa dhimma siyaasaa keessatti qabaachuu qaban kun jaarraa hedduuf mormii fi gaaffii gurguddaa kaasaa tureera. Gartokkeen beektotaa
akkuma waldaalee Kaatolikii fi Anglikaanii waldaan mootummaa wajjin hidhachuudhaan hojjechuu qabdi yeroo jedhan warri Prootestaantonni hordoftoonni falaasama Maartiin Luuter immoo waawuu! siyaasnii fi waldaan wal arguu hin qaban jechuun sarara diimaa kaa’uudhaan mormu.1 Yeroo dhaabbileen mishinarii warra Dhihaa kanneen akka Sudan Interior Mission (SIM) gara ardii keenyaa dhufan ilaalchuma Martiin Luuter kana qooddatanii waan dhufaniif waldaan dhimmaa siyaasaa keessa galuu hin qabdu jechuun barsiisaa turan. Kana irraan kan ka’e waldaaleen mishinaroota kanneen hundeeffaman ilaalchuma kana kunuunsuun itti fayyadamaa tura.
Yaa ta’uutii jaarraa darbe walakkaa lammaffaa irraa jalaqabee haalli ture jijjiramuu eegale. Proofeser
Kornooliyoos Olowolaa Preezidaantii duraanii Gamtaa Waldaalee Warra Wangeelaa Afrikaa Dhihaa
akkas jechuun dubbatu “dhimma siyaasaa fi bulchiinsa mootummaa keessatti ciminaan hirmaachuun
itti gaafatamummaa guddaa amantoota irraa eegamu dha”.
Keessattuu yaada mishinarootaa kana gatuudhaan ardii keenyaa Afrikaa irratti maaliif waldaalee fi
dhabbileen kristaanotaa hedduu ilaalcha kana fudhachuutti dhufan jennee yoo ilaallee:
i. Rakkoo siyaasaa furuuf:- baroota 1960 A.L.Atti namoonni beekamoon kanneen akka Kwaamee
Nkiruumah, Juliyees Neyreeree, Jomoo Keeniyaataa biyyi isaanii humna koloneeffatoota warra
Awurooppaa jalaa bilisa akka baatuuf dhimma siyasaa keessatti hirmaachuun barbaachisaa dha
jechuun socho’aa turuun milkaa’ina argatan.2
ii. Rakkoo diinagdee fi hawaasumma: - qaamni angoo qabate murtoowwan gurguddaa dhimmoota
diinagdee fi haawasummaa irratti taasisuun haqa fiduu yookiin jal’isuu danda’a. Fayyadamummaa
fi walqixxuummaa diinagdee fiduuf amantoonni siyaasa keessatti hirmaachun isaanii bu’aa
guddaa qaba jedhamee waan yaadamuuf hayyoonni hedduun galaana siyaasaa of qusannaa tokko
malee daakaa jiru.
iii. Rakkoo amantii furuuf: - baroota 1950 A.L.A dura waldaan siyaasa akka iddoo gataa kosii fi
teessuma balfaatti ilaaluun dheessa turte. Garuu hundeeffamuu dhaabbilee amantootaa, babal’ina
gumii baratoota kristiyaanotaa fi guddinaa ilaalcha amantootaa wajjin wal qabatee haalonni
jijjiramuu eegalan. Keessattuu Fakk 28:2 “Biyya Waaqayyo irratti kaatu bulchitoota isheetu
baay’ata, nama hubataadhaa fi beekaa yoo qabaatte garuu mootummaan ishee jaabaatee in
dhaabata” kan jedhu qabachuudhan hirmaannaa amantootaa jajjabeessuu eegalan.
< Back to Home