Updated on Wed, Dec 16 2020
@Barnoota_waa'ee @Macaafa_Ermiyaas_Raajichaa.
➡️Raajichi Ermiyaas Raajoota gurguddoo keessaa isa tokkodha.
➡️Barreessaan Macaafa Kanaa raajichuma Ermiyaas dha.
➡️Dh. K. D. Bara 630 fi 580 gidduutti barreeffame. Jaarraa 5ffaa fi 6ffaa keessa jechuudha.
➡️Qabiyyeen macaafa kanaa walumaa galatti boqonnaa 52 fi lakkoofsa 1364 qaba.
➡️ Macaafni kun jechoota hedduu qabaachuudhaan Macaafa Faarfannaatti aanee lammaffaadha.
Eenyummaa_Raajicha_Ermiyaas.
Ermiyaas kun nama bakka luboonni jiraatan ganda Anaatot jedhamtu keessa jiraatudha. Anaatot kun magaalaa guddoo Yihudaa jaarraa 6ffaa fi 7ffaa kan taate Yerusaalem irraa km 6 fagaattee argamti jedhu qorattoonni seenaa. Anaatot kun Macaafa Qulqulluu keenyaa irratti bakka 15tti caqafamteetti. Abbaan isaa lubicha Hilqiiyaa akka ta’e Erm 1:1 ni hubabachiisa.
Bara mooticha hamaa Minaasee dhalate. Bara mooticha Yoosiyaas keessa tajaajila eegale. Kana jechuun erga dhalatee tilmaamaan waggaa 70 booda jechuudha.
Er.1:1-3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Dubbiin Ermiyaas ilmi Hilqiiyaa dubbate kana keessatti caafamee jira; abbaan isaa luboota warra kutaa biyya Beniyaamin keessaa mandara Anaatot keessa jiran keessaa tokko ture;
² Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa ta'ee, waggaa kudha sadaffaa isaatti dubbiin Waaqayyoo gara Ermiyaas in dhufe.
³ Bara mootummaa Yehoyaaqiim ilma Yosiyaas mootii Yihudaatti, hamma waggaa kudha tokkoffaa mootummaa Zedeqiiyaa ilma Yosiyaasitti, waggichattiis hamma ji'a shanaffaa isa sabni Yerusaalem itti booji'ameetti isatti in dubbate.
Kana jechuun erga Israa'el harka bitaa fi harka mirgaa jedhamanii bara gargar qoodamanii booda. Bara mooticha Yosiyaas fi ijoollee isaa lamaan keessa jechuudha. Yoosiyaas mootii yihudaa 15ffaadha. Ijoolleen Yosiyaas immoo mootota Yihudaa 16 ffaa fi 17 ffaa ta’anii bulchaa turani. Macaafni Ermiyaas guutummaansaa waggootii 12 keessatti barreeffame. Erm 1:3.
Akkasumas raajii boo'aa yookaan laphee cabaati. ➡️kana jechuun raajii boo'ichaan sabaaf kadhatu jechuudha. Erm 8:21, 9:1
#Waamamuu_Ermiyaas 1:4-19
Kaayyoon_Barreeffamuu_Macaafa_Ermiyaas.
➡️ Waaqayyoon dhaga'uu diduun adabbii fi dheekkamsa isaa jalaa bahuu akka hin dandeenye ibsa.
➡️Aangoo fi guddummaa Waaqayyoo ibsuuf.
➡️Tokkummaadhaan deebifamanii ijaaramuun gara fuulduraatti akka jiru hima. Erm 31:31-34
➡️Akeekkachiisaaf, qalbii jijjiirrachiisuuf waamicha Waaqayyoo saba isaatti himuufidha. Keessattuu bara mootii Yihudaa 13ffaa kan ta’e mooticha Minaasee keessa sabni Yihudaa baay'ee karaa waaqayyoo irraa goranii turan. Mootichis mootii jal'aa Waaqayyoon gaddisiisedha.
#Erm_17:9
“"Garaan namaa waan hundumaa irra jal'aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda'u; egaa eenyutu isa beekuu danda'a ree?”
#Erm_29:10-11
Waaqayyo, "Akkuman dur dubbadhee ture waggaa torbaatama mootii Baabiloniif erga hojjettanii booddee isin nan yaadadha, akkuman dur isin abdachiisee tures gara biyya kanaatti isin nan deebisa;
yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti.
#Erm_52:12-13
“Nebukadnezaar mootiin Baabilon erga mo'ee waggaa kudha salgaffaa isaatti, waggichattii ji'a shanaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kurnaffaatti Nebuzaraadaan ajajaan loltuu warra mooticha eeganii, inni mootichaaf amanamaa ture mandara Yerusaalemitti lixee, mana qulqullummaa, mana mootummaa, manneen namoota gurguddoota Yerusaalem hundumaa gubee in balleesse.”
#waadaa_yookaan_kakuu_Waaqayyo_saba_biyya_lafaa_hundumaaf_gale.
Erm 23:5-6
Waaqayyo abbaan karaa itti biyya lafaa cubbuu du'aa jalaa itti baasuuf kakuu gale nutti argisiisa. Kakuun kunis ilma isaa tokkicha gara biyya lafaatti erguuf kakuu gale jedha. Akka Raajichi Ermiyaas ibsutti sanyii Daawwit keessaa akka dhufu dubbate.
Erm 23 Lakk. 5 ➡️mat 1
“Waaqayyo, "Kunoo, barri ani itti sanyii Daawit keessaa mootii qajeelummaadhaan hojjetu kaasu in dhufa; inni mootii ogummaadhaan mo'uu fi mootii lafa irratti firdii qajeelaa fi qajeelummaa eegu in ta'a.”
Mul’ata 11:15
Erm 23 Lakk. 6 irratti inni ibsame
➡️ Rom 11:26 irratti mirkanaa’eera.
“Israa'elis guutummaatti in fayyifama; caaffanni qulqullaa'aan waa'ee isaatiif,"Inni furu Xiyoonii in dhufa, Waaqayyo malee jiraachuus sanyii Yaaqoob keessaa in baasa";”
Ibsa_Guduunfaa.
Waaqayyo Macaafa Ermiyaas irratti yakka isaaniif , mana qulqullummaa keessatti xuraa’ummaan waan baay'ateef Yihudootatti murtii dabarse. Murtoon kunis Biyyaa isaanii keessaa baafamuu , Iddoowwan isaan waaqa tolfanaaf dachaa Ben-Hiinom keessatti Waaqa tolfamaa Toofet jedhamuuf ijaaranii kan isaan itti sagadan sana iddoo awwaalcha isaanii nan godha jechuudhaani. Kunneen murtoo Waaqayyo Yihudootatti murteessedha. Erm 7:30-34, 16;10-13, 22:9, 32:29, 44:2-4
Erga Mootichi Yosiyaas du'ee booda.
Yosiyaas Mootii qajeelaa Yihudaa isa dhumaa ture. sabni Yihudaa guutummaan guutuutti Waaqayyoon dhiisani abboommiisaa cabsan. Yeroo kana Waaqayyo saba Yihudaa akka ejjituutti lakkaa’e. Erm 2:20, 3:1-3,
Waaqayyo saba sana abaarsaaf akka godhu dubbatee Ermiyaas.
Ermiyaas akeekkachiisa Waaqayyoo fi harkasaa olfudhatee akka jiru saba Yihuudaatti dubbate. Waaqayyo saba kana balleessuuf guyyoota harkaan lakkaa’amu irra akka ga'e dubbachaa ture. Kunis "araara isa dhumaati " jedhe.
Mootiin Nebukadnezaar Yihudaa booji'ee maqaa itti godhachuu isaas galmeesseera. Erm 24:1
Ammas sabni sun mormiisaa Waaqayyo irratti caalchisee jennaan Waaqayyo immoo Mooticha Nebukadnezaar Yihudaa fi Yerusaalemiin deebi'ee akka isaan balleessuuf irratti kaase. (Erm 52)
Sabni sun akka deebi'uuf Waaqayyo Murtiilee ciccimoo muraasa erga irratti murteesse booda bakka isaaniif kennetti akka isaan deebisu waadaa gale. Erm 29:10.
Hojiirra_oolchuuf_shaakaluu: Ermiyaas ergaa ulfaataa dabarse. Inni Yihudaa in jaallata, garuu Waaqayyoon caalchisee jaallata. Ergaa firdii dabarsuu fi wanta Waaqayyo jedhe dubbachuun kan Ermiyaas waan ta'eef waan Waaqayyo itti hime gochuu fi jechuutti cichee ture. Ermiyaas Waaqayyo qajeelaa fi qulqulluu akka tahe amanee abdiidhaan saba Yihudaaf kadhate.
Nuyis Waaqayyoon kadhachuu qabna. Yoo rakkanne iyyuu , fedha Waaqayyoo fedha mataa keenyaa caalaatti amanuun ; ogummaa fi karoora isaa isa jalqabaati. Inni ijoollee isaaf wanta gaarii in fida. Rom 8:28.