Updated on Sat, Sep 12 2020
📖 QO'ANNOO MACAAFA QULLQULLUU 📖
     #KUTAA_2ffaa
Yoh 14 :3
...deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha." Jedha
Goofftaan yesuus sababii inni lammafaa deebi'ee dhufuf inni ijoon warra isatti amanan (amantoota) fudhachuuf dha.  Bara baraan kiristoosiin faana akka jiraataniif isaan fudhachuuf dha.  Dhufeetan isin fudhadha yemmuu jedhu bartoota isaa wajjin jiraan #12n dabalatee isaan boodda, duraa fi karaa isaanii waarraa amanan hundumaa hammata.
Yeroo inni lammafaa deebi'ee dhufus hin beekamu.
••◉◉━━✰━━◉◉••

   Yoh 14: #4 fi #5
" Lafa ani dhaqu, karicha achi geessus in beektu" #jedha.
Kana jechuunis inni dhufee waan isaan fudhatuuf karicha ni beeku; inni karaa dhaqan isaan gegeessa. Sababni isaas inni karaa waan ta'eef dha.  yemmuu gooftaan kana jedhu toomaas immoo goofftaa yesuusiin "Yaa gooftaa, eessa akka ati dhaqxu hin beeknu, karicha immoo attamitti beekuu dandeenya?" Jedhee gaafate. Gaaffii akka toomaas yoh 13:36 irraatti pheexiroos gaafatee ture. Yesuus kan deemu gara abbaa (waaqayyoo) dha.
Karichi inni irra deemu immoo ofii isaa dha. Toommaas garuu waan kana hin hubanne ture. Akka hin hubanne ibsuu isaaatiinis goofftaan yesuus isaa lak. #6 irra jiru akka dubbatuf sababa ta'eeraaf
••◉◉━━✰━━◉◉••

Yoh 14:6
" Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu. " #jedha kana jechuunis
Karaan kun maqaa iddootiin kan waamamu iddoo murta'a ta'e tokkoo miti. Karaan kun kan geessu gara waaqayyoo abbaatti dha. Karaan gara waaqayyoo abbaatti geessu immoo isa nama ta'ee illma waaqayyoodha.  Yesuus kiristoos #karaa garaa abbaati geessu dha. Karichi goofftaa yesuus kristoos dha galmi isaa immoo waaqayyoo abbaa dha. Gara abbaa kan geessu abdii dhugaa ta'e ykn abdii waaqayyootin dha. Abdiin sun immoo abdii qaqanamuu (tuqaamu) dandauu dha. Abdiin kun jireenya jireenya bara baraa kennuu dha. Jireenyi kun namni tokko yeroo amanu kan arrgatu ta'ee bara baraan kan itti fufuu dha. Kana jechuun Nuti warri amane sichi  arrganna osoo hin taanee yeroo amannu sana arrganeera.
Kanaafuu yesuus kristoos karaa gara jireenyatti geessuu fi qaqabsiisuu dha.  (yoh 1:18,8:36,10:9,qol 1:15).
Agarsiistuu mallatoo ykn luqqisii (tapella) karaa irra jiru ykn immoo "karichi gara kana geessa " akka waan jedhuu miti. Kan akkasii kun tajaajila cuuphaa jara yohannis ture.  Yesuus garuu ofii isaa karaa gara abbaatti geessuu dha.
Kanaafuu nuti karaa kanaa wajjin tokkummaa yemmuu goonu karichi ofii isaa gara waaqayyootti nu geesaa. Achiinis nu gaha.

Seenaa keessatti keessumaa iyyuu bara kanatti waa'ee waldanda'uu ( #tolerance )baayyee dubatama. Naannoo tokkotti ykn saba tokko keessa namootni jiraatan yaada, ilaala, amantii, tokko akka qabaatuf waan hin eegamneef waliin jiraachuuf hawaasa keessa wal dandauun barbaachisaadha . #Fakkeenyaaf bara (yeroo) gooftaa yesuus lafa irra tureetti yihudoonni illee goofftaa yesuusiin hin fudhaane (hin simanne) ture.
Egaa kana jechuun sababa wal danda'uutiin gara waaqayyooti karaan geessu yesuus qofaadha kan jedhu gadhiisuu dhaan (laffisuu ) dhaan karaawwan baayeen jiru jedhanii yaaduu miti. Kun gonkumaan barumsa macaafa qulqulluu miti. Gara waaqa (uumaa) waaqa irra jiraatutti kan geessan karaawwan adda addaa akka jiru amantiiwwan baayyeen ni dubbatu. Uumaan waaqa irra jiru tokko qofaa akka ta'ee wangeelli ni dubbata. Innis waaqayyo kan jedhamu waaqaa fi abbaa gooftaa keenyaa yesuus kiristoos dha.
Uumaan kun tokkicha illma isaa isa errge waaqayyoo dha (Yoh 3:16).
Waaqani kun Yesuus kristoosiin Illma koo isa jaalatamaa jedhee isa waamee dha.
Kanaafuu waaqni macaafa qullqulluu yesuusiin isa illma koo isa jaalatamaa jedhee waame waaqayyo  dha.  Gara waaqa kanaatti karaan geessu immoo tokkicha dha. Innis yesuus kiristoos dha. Waan kana ta'eef karaan biraa hin jiru. Kanaafuu amantii kiristaanummaatti jireenya bara baraa arrgachuuf yesuus kiristoos gara waaqayyoo karaa geessu ta'uu isaa amananii fudhachuudha malee waldanda'uu wanti jedhu hin jiru.....

Itti fufii dubbisi kutaa kana xumurri....
     👇👇👇
< Back to Home