Updated on Wed, Dec 9 2020
Hamaa gaarummaadhan mo'i.

1Phe. 3

“Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan hin deebisinaa! Gara galchii iyyuu eebbisaa! Isin eebba akka argattaniif waamamtan.”
  — 1Phe. 3:9

¹³ Wanta gaarii gochuudhaaf warra hinaafan yoo taatan, eenyutu hamaa isin irratti hojjeta ree?
¹⁴ Wanta qajeelaadhaaf utuu dhiphattanii iyyuu immoo attam gammaddu laata! Sodaachisa warra isin sodaachisanii hin sodaatinaa! Hin raafaminaas!
¹⁵ Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa!
¹⁶ Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta'u! Warri hamaa isin irratti dubbachuudhaan maqaa keessan balleessan, amala keessan isa gaarii, isa erga kan Kristos taatanii argisiiftan sana hammeessan akka yeella'aniif, yaadni garaa keessanii akka isin hin ceephaanetti jiraadhaa!
¹⁷ Isa hamaa godhaniif dhiphachuu mannaa, jaalala Waaqayyoo taanaan, sababii wanta gaarii godhaniif dhiphachuu wayya.
1. Jal'ina warra hojjetanitti hin hinaafiin
Far. 37
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Warra waan jal'aa hojjetanitti hin aarin, waan isaan hamaa godhanii argatanittis hin hinaafin!
² Isaan akka margaatti dafanii in coolligu; akka biqiltuu misee goguuttis in golgolaa'u.
³ Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii ta'es hojjedhu; biyyuma keessa nagaadhaan taa'i, amanamummaas eeggadhu!
⁴ Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.
⁵ Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata.
⁶ Inni qajeelummaa kee akka ifaatti, dhugaa kees akka aduu saafaatti, bakkeetti in baasa.
⁷ Waaqayyo duratti gab jedhi, obsaanis isa eeggadhu, nama karaa isaa wal qixxeeffatetti, nama wanta hamaa koratee fiixaan baafatettis hin aarin!
⁸ Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!
⁹ Warri jal'oonni lafa irraa in balleeffamu, warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu.

2. Nama hundumaa wajjiin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!


Rom. 12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁸ Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda'amu hundumaa godhaa!
¹⁹ Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa'aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, "Ijaa baasuun kan kooti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa" jedhee dubbateera.
3. Amantii hojii gaariidhaan mul'isuu.
Yaaqoob 2:17

Yaq. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁷ Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha.
¹⁸ Namni tokko garuu, "Inni tokko amantii qabaatee, inni kaan immoo hojii gaarii yoo qabaate maal ta'a?" in jedha; ani immoo, "Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee na argisiisi! Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin argisiisa.
Fakk 4:23-24

Fak. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²³ wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba'uuf, yaada kee ba'eessa godhii eeggadhu!
²⁴ Jal'ina dubbachuu afaan keettii, dubbii micciiramaas arraba keettii fageessi!

4. Gatii dadhabbii ofii beekuudhaan.
Fak 2:16

5. Ijaa baasuu Waaqayyoo hubachuu

Isa 51:7&8

Isa. 51
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁷ "Isin warri qajeelummaa beektan na dhaga'aa, isin warri seera koo yaadatti qabattanis na dhaggeeffadhaa! Ga'isuu namootaa hin sodaatinaa, yommuu isaan isinitti qoosanis hin na'inaa!
⁸ Isaan akka uffata biliin nyaateetti, akka gogaa ololeen nyaateettis nyaatamanii in dhumu; qajeelummaan koo garuu bara baraan in jiraata, fayyisuun koos dhalootaa hamma dhalootaatti in tura" jedha.
6. Dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo ta’uusaa hubachuudhaan
Mat 5:9

“Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu.  10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kanisaanii ti.”
  — Mat. 5:9



< Back to Home