-
- Updates#Dhugaatii_jabaa_Hin_dhugiin_Kan_jedhu_Macaafa_Qulqulluu_irratti_bakka_75tti_akka_caafame_beektaa?
1. #Daadhiin_wayinii_qullaa_sigodha_sisalphisa. Uma 9:20-26.
2. #Fira_dhiigaa_ykn_ijoolleekee_wajjiin_akka_ati_ejjitu_sitaasisa. S.uma 19:30-38.
3. #Dhugaatii_Nama_macheessu_hin_dhugiinaa_jedhee_Waaqayyo_abboomeera. S.Lew 10:9-11.
4. #Cuunfaa_muka_dhangaggaawu_hin_dhugiinaa! S.Lakk 6:3
5. #Dhugaatii_jabaan_albaadhessaa_fi_sagaagaltuu_sitaasisa. K.deebii 21:20
6. #Daadhii_Wayinii_yookaan_dhugaatii_cimaa_hin_dhugiinaa! K.deebii 29:5-6.
7. #Daadhiin_wayinii_ykn_dhugaatiin_jabaa_hadhaa_bofaa_isa_dhoksaatti_nama_ajjeesuudh. K.deebii 32:33.
8. #Daadhii_Wayinii_waanuma_nama_macheessu_irraa_ofeeggadhu! A.firdii 13:4, 7:14.
9. #Ati_hanga_yoomitti_machoofta? 1Seenaa 1:14 fi 15
10. #Dhugaatiin_jabaa_kun_akka_ati_duutuu_fi_ajjeestu_sigodha. Fakkeenyaaf Naabaal erga dhugee booda in du'e. 1Saam 25:32-38.
11. #Haxxummaa_hamaa_sibarsiisa. 2Saam 11:13.
12. #Amnoon_mucaan_Daawwit_dhugee_ture_gaafa_namaan_ajjeefame. 2Saam 13:28 fi 29.
13. #Beenhaadad_fi_jeneraalonni_32_dhuganii_machaa'anii_rukutamanii_dhuman. 1Mot 20:12-21
14. #Dhugaatii_jabaan_akka_tuffatamtu_sigodha. Asteer 1:8-12.
15. #Daadhii_Wayinichaa_isa_firdiif_qophaa'e #irraa_jal’oonni #lafa_jiranii_ni_dhugu. Far 75:8
16. #jal’oonni #daadhii_wayinii_isa_humnaan_nama_irratti_ka’uudhaan #argamu_keessaas_ni_dhugu. Kana jechuun humnaan nama irratti akka ati kaatu sigodha. Fakk 4:17.
17. #Dhugaatii_jabaan_ogummaa_sidhabsiisa. Ogeessa hintaatu jechuudha. Fakkeenya 20:1.
18. #Dhugaatii_jabaan_hidhata_warra_dhugduu_sigodha. Fakkeenya 23:19 & 20.
19. #Hiyyeessa_sigodha. Baasii hintaaneef si saaxila akkasumas qaamaan illee namaan gadi sigodha. Fakkeenya 23:21.
20. #Madaahuu_qaamaa_sitti_fida. Fakkeenya 23:29-30
21. #Hawwa_hintaaneef_si_saaxila. Fakk 23:31
22. #Hadhaa_mar’ataas #tahee_keessakee_idda. Fakk 23:32
23. #Gara_dubartii_ejjituu_si_ilaalchisa. Fakkeenya 23:33
24. #Ofitti_amanamummaa_sidhabsiisa. Kana jechuun yaada tokko akka ati hinqabaanne , akka gabatee bishaan keessaa taata. Fakkeenya 23:34
25. #Miira_dhukkubbii_fi_miira_fayyina_qaamaa_siwallaalchisa. Fakkeenya 23:35.
26. #Eenyummaa_fi_kabaja_sidhabsiisa. Fkn 31:4 fi 5.
27. #Badiisatti_sigeessa. Fakkeenya 31:6 fi 7
28. #Gammachuu_miira_jireenyakeef_hinta'u. Lall 2:3, 12:8.
29. #Keessattuu_gaggeessaa_taatee_dhuguun_sirrii_miti. Fakkeenya 31:4.
30. #Kaayyoo_dhugaatii_dhuguu_malee_kaayyoo_biraaf_carraa_siif_hinlaatu. Isa 5:11 fi 12.
31. #Araada_dhugaatii_qofaan_akka_ati_gammaddu_sigodha. Isa 5:22
32. #Fedhii_nyaataa_sidhabsiisa. Isa 19:14.
33. #Jireenya_Abdii_kutannaa_keessa_sigalcha. Isa 22:12 fi 13
34. #Miira_dhandhammii_sidhabsiisa. Isa 24:9
35. #Dheekkamsa_Waaqayyoo_jalatti_sihambisa. Isa 28:1.
36. #Ulfina_mataakee_sidhabsiisa. Isa 28:3
37. #Firdii_qajeelaa_sijallisiisa. Isa 28:7
38. #Maaddii_kabajamu_hin_godhattu. Isa 28:8
39. #Jireenya_irra_deebii_malee_jireenya_haaraa_hinqabaattu. Isa 56:9-12.
40. #Laphee_ykn_Gurra_Waaqayyoon_dhagahu_hinqabaattu. Erm 35:2-14.
41. #Oobdii_ykn_iddoo_aarsaa_Waaqayyoo_akka_xureessitu_sigodha. Hisqi'el 44:21.
42. #Gaggeessummaa_sirrii_hin_gaggeessitu. Dan 5:2-3
43. #Qodaa_mana_Waqayyoo_akka_xureessitu_sigodha. Dan 5:3
44. #Waaqa_tolfamaa_siwaaqeffachiisa. Dan 5:4
45. #Waaqayyo_irratti_akka_kaatu_sigodha. Dan 5:23.
46. #Yaada_sibooji'a. Hose'aa 4:11
47. #Jal’ina #sihojjechiisa. Hos 7:5
48. #Daldala_jal'inaa #sibarsiisa. Yo'el 3:3.
49. #Gargaaraa_jal'ootaa #taatee_xureeffamuu_mana_Waaqayyoof_sababa_taata. Amos 2:8
50. #Sababa_baduu_namaa_taata. Amos 2:12.
51. #Sababii_dheekkamsa_Waaqayyoo_taata. Yo'el 1:1-4.
52. #Sobduu_sitaasisa. Miik 2:11.
53. #Hojii_hamminaatiin_hamootatti_si_ijaara. Nahoom 1:10
54. #Salphaatti_gowwoomta. Amb 2:5
55. #Sababa_dhugaatii_jabaa_nama_tokkoo_yoo_taate_dheekkamsa_Waaqayyoo_jalatti_hafta. Amb 2:15
56. #hin_yellaata. Ulfinnikee salphinatti geddarama. Amb 2:16.
57. #Hojjetaa_hin_amanamnee_taata. Mat 24:48_51.
58. #Hamoota_keessaa_tokko_sitaasisa. Luq 12:45
59. #Mootummaa_Waaqayyoon_ala_sigodh. 1Qor 6:10. Gal 5:21.
#Dhugaatii_jabaa_dhuguu_dhiisuun_maaliif_gargaara?
60. #Xuraa’ummaa #irraa_si_oolcha. Dan 1:5-7.
61. #Hafuura_Qulqulluudhaann_guutamta. Luq 1:15.
62. #Akka_of_hindaganne_sigodha. Luq 21:35.
63. #Amalakee_akka_sirreeffattu_godha. Rom 13:13.
64. #Gaarummaatti_jiraatta. Rom 14:21.
65. #Hiriyyummaa_nama_amaneera_jedhee_machaa'u irraa_si_oolcha. 1Qor 5:11.
66. #Dammaqinaan_jiraatta. 1Tes 5:6-7.
67. #Nama_amane_taatee_akka_hin_dogoggorreef_si_oolcha. 1xim 3:8.
#Macaafni_Qulqulluun_waa'ee #dhugaatii_jabaa_irratti_tajaajiltootaan_maal_jedha?
68. #Raajonni Dhugaatii_jabaatiin_akka_hinmachoofne_ykn_warra_of_hinganne_tahuu_qabu_jedha. 1xim 3:2, Tito 1:7-8
69. #Diyaaqonii_ykn_warri_waldaa_Kiristiyaanaa_keessatti_gargaartota_tahan_dhugaatiitti_akka_of_hingadhiisne_jedha. 1Xim 3:8.
70. #Maanguddoonni-dargaggoonni_dhugaatiitti_akka_of_hinganne_Jedha. Titos 2: 3 fi 4.
71. #Jireenya_isa_kanaan_dura_yeroo_saba_Waaqayyoo_hinta’in #jiraachaa_turtan_sana_hinjiraatiinaa_jedha. 1Phex 4:3-4.
72. #Dhugaatiidhaan_of_hin_balleessinaa_jedha. Efesoon 5:18
73. #Machooftanii_gadhiisiitti_jiraachuudhaan_guyyicha_isa_dhumaaf_akka_of_hin_daganne_jedha. Luq 21:34.
74. #Machiidhaan_Mootummaa_Waaqayyoo_akka_hin_dhabne_jedha. Gal 5:21.
75. #Dhugaatii_nama_macheessu_hawwuun_sirrii_miti_jedha. Fakk 31:4.
Utuu bifa kanaan Macaafni Qulqulluun dhugaatii nama macheessu hin dhugiin jedhuutii "lakki dhugi hin machaa'iin malee jedha " jettee amantta yoo ta’e sa'atii kana dubbisteetii kaasee sitti lakkaa’amuu jalqaba. Tarii natti ulfaata jettee yaadda ta'a mee luqqisii Macaafa Qulqulluu keessaa rakkoo kana furuuf kan nu gargaaru jira.
Rom 12:2
“Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” jedha.
Kana irratti " yaada garaa keessanii haareeffachuudhaan of diddiiraa " jedha. Waa’ee kanaa dhimma araada garagaraa irratti yaada garaa keenyaan yoo of haaromsine malee wanta keessaa bahuu barbaannu keessaa bilisa ba'uu hindandeenyu. Duraandursinee miira sammuu keenya keessaa ka’ee " dhugi ! dhugi !" jedhu to'achuudha. Yeroo miirri kun nutti dhaga'amu bifa ittiin ofirra dabarsinu barbaaduudha. Fkn Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, faarfannaa dhaggeeffachuu , Dhuga-bahumsa garagaraa dhaggeeffachuu , fi wantoota jireenya hafuuraa keessa nu galchan hordofuudhaan miira kana to'achuu qabna. Kana gaafan jedhu altakkotti araada kana keessaa sibaasa jechuu koo osoo hin taane , adeemsa keessa bifa kanaan irraa bilisa bahuu dandeessa jechuu kooti. Waaqayyo si haa eebbiissu. Waan dubisteef eebbifami. God bless u.
- Products / Services
- About
- Gallery
- Why Us
- Contact