Updated on Mon, Dec 21 2020
@Tokkummaa_hafuuraa.
Warri tajaajilanis haata'u warri tajaajilaman lachanuu tokkummaa hafuuraa qabaachuu qabu. Tokkummaa hafuuraa jechuun, akka hafuuraatti waan hojjatamuu qabu irratti tokko ta'uudha. Namni tokko waan bareeduuf ykn biyya tokko waan ta'eef walii wajjiin tokkooma miti. Wanta qajeelaa fi gaarii ta’e irratti akka fooniittis ( akka biyya lafaatti ) namni harka Waaqayyootiin uumamuu isaatti amananii jaallachuutu tokkummaa hafuuraa jedhama. Phaawuloos waldaa Efesooniin barsiiseera waa'ee kanaa;
Efe. 4
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³ Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa!
⁴ Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko;
“Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif danda'aa!”
As keessatti hamaa utuu walirratti hinyaadiin hidhaa nagaatiin tokko ta'uu barsiisa.
Tokkummaa hafuuraa akkamitti akka eeggattu ( kunuunsitu ) beekuudhaaf hidhannikee nagaa ta'uu qaba. Kana gaafan jedhu jireenyi kee hidhaa nagaatiin qindoomuu qaba jechuu kooti. Nagaa kana horachuudhaaf waamicha Waaqayyoo beekuu qabda.
Abdiin waamichakee Waaqayyo nagaa akka ta’e beekuu qabda. Waaqayyo nagaa isa ta’e kana arguudhaaf tokkummaan hafuuraa barbaachisaadha.
Tokkummaa hafuuraa kana bakka lamatti hiikuu dandeenya.
1. Obbolootaa wajjiin hafuuraan tokko ta'uu:- kana jechuun hafuura qulqulluudhaann kan gaggeeffamu hundumaa wajjiin tokkoomuu jechuudha. Kadhataan, lallabaan, raajummaadhaan, faarfannaadhaan , walii wajjiin sorachuudhaan illee utuu hinhafiin tokkoomuu jechuudha. HOE 2:42 , 1Qor 1:10
2. Hafuura tokko qabaachuudha. kana jechuun immoo hafuura lamaan gaggeeffamuu ykn hafuura lamaaf hojjechuu irraa bilisa ta'uudha. Hafuura lamaaf hojjechuun sirrii miti. Namni tokko hafuura qulqulluu fi hafuura xuraa'aaf jiraachuu hin danda'u. Mat 6:24 irratti gooftolii lamaaf hin hojjetiin jedha. Yookiin mormuu ykn immoo itti tokkoomuudha.
Hafuura tokko qabaachuudha. Innis
Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko; " jedha efe 4:4
Kanaafuu tokkumaan hafuuraa tajaajilaafis ta’e tajaajilamaaf barbaachisaadha.
🅦🅐🅐🅠🅐🅨🅨🅞 🅢🅘 🅗🅐🅐🅔🅔🅑🅑🅘🅢🅤!