Updated on Wed, Dec 9 2020
Wanti ta’u hundinuu akeeka Waaqayyootiin ala hin ta'u!
namni akeeka Waaqaayyoon ala jiraatu hinjiru
#Ati_Waan_barbaadde_yoo_qabaatteyyuu_Foon_uffataa_akka_taate_beeki!
Waaqayyo Dh.K.D 1500
keessa waan hundumaa ta'iidhaan dachee kana irratti uumuu isaa Museen seera uumamaa 1:1 irratti caafeera. Namni garuu akka bifa Waaqayyootti uumamuu isaatu uumama irraa adda isa godha. S. Uma 1:22 👈 irraa dubbisi. Hawwaa kanaa gaditti uumama ta'iidhaan uumame kana irratti aangoon kennameeraaf. Gabaabumatti waanan jechuu barbaade; namni jireenya nama aakkasaatii irratti ,haala jireenyaa addunyaa kana irratti ta'u hundumaa irratti murteessuu hindanda'u. Kana jechuun lubbuu baasuu, du'a nama irratti murteessuuf aangoon hinkennamneefi. Haala du'uu fi jiraachuu keessatti aboo guddaa kan qabu #Waaqayyo qofa. Ati ajjeesi , nama irratti du'a murteessi siin hinjedhamne , maaliif du'a namaa barbaadda? Waan hundumtuu akeekaa fi karoora Waaqayyootiin socho’a. Ati namadha. Nama keessaa abbaa aangoos ta'i, aangoo lafa kana irraatiin yoo baay'ate waggaa 7 ykn 10 hojjetta ta'a. Aangoon kee kun haqaan tajaajili jecuudhha malee nama akkakee irratti du'aa fi jireenya murteessii miti. Kana hundumaa irratti Waaqayyoon qofa beeki. Akka waan hundumaa gochuu / raawwachuu dandeessutti of hin ilaaliin. Ati foon uffataa akka taate beeki! waa'ee kanaa irratti #Macaafni_Qulqulluun akkas jedha
Far. 9:15-17, akkasumas 19 fi 20 irraa
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁵ Sabni lafa irraa boolla ofii isaaniitii qotanitti gad in liqimfaman; kiyyoodhuma dhoksaniinis miilli isaanii in qabame.
¹⁶ Waaqayyo, firdii kennuu isaatiin of beeksise, namni jal'aan waan harka isaatiin hojjeteen in korokkodame. [Sagalee mi'a ribuu qabutu gidduutti dhageessifame.]
¹⁷ Warri jal'oonni gara iddoo lafa jalaatti gad haa bu'an, lafa irraa warri Waaqayyoon irraanfatanis akkasuma gad haa lixan.
19 Yaa Waaqayyo, humni namaa harka akka hin fudhannetti, ati ka'i! Sabni lafa irraa si duratti firdii akka fudhatan godhi!
²⁰ Yaa Waaqayyo, sabni lafa irraa namootuma foon uffatan duwwaa ta'uu isaanii akka beekaniif, ati pherpheramuu isaanitti fidi!
Kana irratti Daawwit namni foon uffataa qofa akka ta’e akka inni beeku godhi jedha Waaqayyoon , hojiilee fi aboo namni lafa irratti qabu walii isaarratti du'a murteessuu akka hindandeenye haa beeku firdiikeetiin barsiisi , itti murteessi jedha.
👉 kanaafuu nama taatee du'a namatti hin murteessiin. Nama ta'uu kee qofa beeki. Ati namadha malee Waaqa miti. Hojii Waaqayyoo keessa galuun nama miidha. Waaqayyo akka ati hojii Waaqayyoo keessa hingalleef abboommii kurnan siif kenneera. S. Ba'uu 20:1-17