Updated on Sat, Sep 12 2020
📖📖📖📖📖📖📖
QO'ANNOO_MACAAFA_QULLQULLUU
    ••◉◉━━✰━━◉◉••
 
    YOHAANNIS 14
🔺 Macaaafa yohannis Boqonnaa #14 guutuu isaa wallin qo'anna kanaafuu obsaan haamma tumuraatti akka dubbifaattan ergaa koo jaalalaati
🔻waan baayyee akka irraa hubattan abdiin qaba.

🙏 Yaa waaqayyoo gooftaa warra dubbisan hundumaaf hafuurri kee haa ibsuuf 
     😔AMEEN 😔
••◉◉━━✰━━◉◉••

  M/d:- YESUUS KARAA GARA ABBAATTI GEESSU TA'UU ISAA
    ••◉◉━━✰━━◉◉••
   14:1 waliin haa ilaallu

📖..."Garaan keessan hin raafamin,... jedha

🔎 yeroo kanatti bartoonni hundi haalichaan osoo hin sodaatin hin hafne.    Gidduu isaanii keessaa goofftaa yesuusiin dabarsee kan kennu fi kan ganu jjjiraachuun isaa isaan sodaachisa.    Yesuus isaan irraa adda ba'ee deemuun isaa waan naasisuu dha. Hundumaa irraa pheexiroos kan ganu ykn dabarsee kan kennu errga ta'ee warrii kaan haamam jajjabaatu laata ?  Gaaffii jedhu kaasisa.   Goofftaan haala kannaf deebbii inni kenne Amanaa kan jedhuu dha. 

📖 ...Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa!"... jedha.
🔎Haala kana goofftaan duraan durrsee bartootatti kan himu yemmuu haalichi raawwatamu akka isaan hin naane/ rifannee fi warra amanan akka ta'aniif dha.     " Kunis yeroo raawwatamu akka amantaniif, duraan dursee utuu inni hin ta'in kunoo, isinitti himeera."
(Yoh 14: 29)  waan jedheef 

🔎Goofftaan Yesuus kan sababni inni isaanitti himuuf guyyoota yartuu baay'ee ullfaatoo fuldura isaanii jirutti amantiin isaan waaqayyoo abbaa wajjin qaban akka jalaa hin kufneef dha.    Waanti inni dubbate hundu ni ta'a.   Akkuma inni du'uu du'aa ka'uun isaas ni ta'aa.   
🔑Kanaafuu yeroo dhiyootti du'aa fi gidiraa raawwatamuuf jiru arrganii akka hin bittinoofne ykn hin rifanne du'aa ka'uun akka jiru hubachiisuuf dha.   
        ••◉◉◉◉••
   📖14:2 waliin haa ilaallu

📖 " Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira... jedha.

🔎 Jechi kun warri isa duukaa bu'aan hundi ykn tokkoon tokkoon namootaatiif kutaa/mana/ jireenyaa ni qopha'af fakkaata kana irraa ka'uu dhan Akka barreessitoota ibsa macaafaa tokko tokkotti kan yaadamu waaqa(samii) irraa akkuma baay'ina namootaatiin kutaawwaan akka jiran godhamee yaadama.    Karaa biraa immoo errgaan guddaan as irra jiru Barrtoota sodaa keessa jiraniif /amantootaf/ goofftaa yesuus kiristoos isa gara waaqatti ol ba'uun iddoon jireenyaa akka isaaniif qophaa'uu akka jiru mirrkaneessa.     Amalli inni duraa jireenyicha sanaa isa  faana jiraachuudha.   ..."iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif..." akkuma jedhee jechuudha. (Yoh 14: 3)
Inni sun immoo mana abbaa isaati. Mana waaqayyoo isa ol waaqa irraa jiruu dha.   ...Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan'... (Yoh 13: 33)  jedhee ture amma garuu deebi'ee dhufeetan gara ofii kootti isin fudhadha.  Jedhe.
       ••◉◉^◉◉••
📖 ...utuu inni hin jiru ta'ee, isinitti nan himan ture;... jedha.

🔎Goofftaan waan ta'uu dubbatee abdii ni kenna, waan hin taane immoo hin ta'uu jedha.    Duraan waan ta'uu bartoota hin dhokksine godaansii fi rakkinni akka jiru akeekachiiseera (yoh 16:2.) Waan itti himuu qabuu fi waa ndhugaa ta'ee hunda itti himeera.  Inni yeroo hunda dhugaa waan dubbatuuf #amanamaa dha.    Amanamaa waan ta'eef waan inni dubbate gara fulduratti rawwatu dhugaa dha. 
#kanaafuu waaqa irratti mana kan isaaniif qopheessu dhugaa dha.
   ••◉◉ #itti_fufa ◉◉••

💟 Qo'annoo macaafa qullquluu kana waliif qooduun waliin wangeelaaf haa hojjeenu
      💯💯💯💯
#🅢︎🅗︎🅐︎🅡︎🅔︎_🅢︎🅗︎🅐︎🅡︎🅔︎
       💯💯💯💯
♥️ #EEBBIFAMAA ♥️
               
👇🅙🅞🅘🅝 🅤🅢👇
@Sagalee_jireenyaa
@Sagalee_jireenyaa
< Back to Home