Updated on Wed, Dec 9 2020
#Haala_osoo_hintaane_namatu_haalaan_dahate_simiidha.
Ati haala osoo hintaane Waaqayyoo fi Mul’ata kee beeki !
Waaqayyo egereekee waan beekuuf waan simadaalu hunda siif laata. Bakka geessuu fi waan irra geessu keessatti Waaqayyo Abjuu fi Mul’ata siif kenna. Abjuu fi Mul’atni sun rakkoo kee fi rakkoo addunyaa Kanaaf furmaata ta'udha. Garuu sababa abjuu fi Mul’ata kanaa gatii fi iddoo si hinmadaalle irratti aarsaa kanfalta.
Yoseef sababa abjuusaa gurgurame.


Uma. 37
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁷ Kottaa, nuyi warra Ishmaa'el kanatti isa in gurgurraa! Inni obboleessa keenya, foon keenyas waan ta'eef, harka keenyaan waan hamaa isa irratti hin hojjennu!" jedhe; obboloonni isaas isaaf in dhaga'an.
²⁸ Warri Ishmaa'el naggaadonni Miidiyaan dhufanii in darbu turan; obboloonni isaa Yoseefin ol harkisanii boollicha keessaa baasanii, meetii ija digdamaan warra Ishmaa'elitti gurguran; isaan immoo Yoseefin biyya Gibxiitti in geessan.

… 
³⁶ Warri Miidiyaan Yoseefin biyya Gibxii keessatti hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota keessaa Phoxiifaar ajajjuu eegdotaatti in gurguran.

Sababa abjuusaa naqa lama gurgurame.

Boqonnaa 42 keessatti garuu yoseefiif yeroo kabajaa ture.
Mul'annikee aarsaa yoo si kaffaalchiseeyhuu guyyaan kabajaa tokko nijira.


“Biyya Gibxii hundumaa inni bulchu, namoota biyya hundumaattis inni midhaan gurguru Yoseef ture; obboloonni Yoseefis dhufanii isa duratti dhi'aatanii, hamma mataan isaanii lafa ga'utti in qoomma'aniif.”
  — Uma. 42:6
< Back to Home