Updated on Mon, Dec 21 2020
yaada_garaa_keenyaa_haageddarannu
Waaqayyo_bara_Raajicha_Yoo'el sabnisaa_akka_yaada_garaa_isaa_geddaratuuf garasaatti_akka_deebi'uuf waamicha_dhiheesse.
Yoo'el Dh.K.D bara 835 fi 800 gidduutti yeroo barresse kessa Yihuudonni , ykn guutummaan qomoo Israa'el Waaqayyo irraa galagaluu isaani arge. Silaa Waaqayyo kufaatii namaa fi baduu namaa waan hinjaallanneef , akkasumas gara-laafessa waan ta’eef akka deebi'aniif milikkitoota itti argisiise.
Milikkitoonni kun -Hawwaannisa fi beelaan itti mul'atee ture. Barri sun bara kana natti fakkaata. Sababiinsaa jal'inaa fi walirratti ka’uu , lubbuu walii baasuu , waraana hiika hinqabne lola obbolaa gidduutu ture. bara sanas waan ta'aa turaniif. Kanaafuu waaqayyo kana hundumattii akka garasaatti deebi'an barbaada ture.
yeroo sana Yoo'el taateewwan gurguddaa lama barreesse ture. 1. Waa'ee Investimentii fi
2. Dhimma hafuuraatiin walqabatee rakkoowwan turan ibseera.
Bara keenya kanas Waaqayyo qalbii akka jijjiirrannu barbaada.
Yoe. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
² Isin maanguddoota nana kana dhaga'aa! Sabni biyya kana keessa jiraattan hundinuus mee dhaggeeffadhaa! Wanti akkasii kun bara isin jiraattan keessatti, bara abboonni keessan jiraatan keessattis takkaa ta'ee beekaa ree?
³ Waa'ee kanaa ijoollee keessanitti himaa! Ijoolleen keessanis ijoollee isaaniitti haa himan! Ijoolleen isaaniis dhaloota dhufutti haa himan!
⁴ Isa gurmuu hawaannisaa isa duraa irraa hafe, gurmuu hawaannisaa isa lammaffaatu nyaate; isa gurmuu hawaannisaa isa lammaffaa irraa hafe, ilmaan hawaannisaatu nyaate; isa ilmaan hawaannisaa irraa hafe immoo geerii hawaannisaatu nyaate.
⁵ Isin warri machooftuun dammaqaatii boo'aa! Daadhiin waynii isin irraa waan citeef, isin warri daadhii waynii dhugdan hundinuu, cuunfaa wayniitiif boo'aa!
Yoe. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Yaa lubootaa! Uffata gaddaa uffadhaa, boo'aas! Kennaan midhaanii fi kennaan dhugaatii, mana Waaqayyo keessanii irraa waan ittifameef, isin warri iddoo aarsaatii hojjettan, hojjetoonni Waaqayyo kootii mana qulqullummaatti ol galaa! Uffata gaddaa uffadhaatii halkan guutuu gaddaa bulaa!
¹⁴ Soomii qulqulluu labsaa! Walga'ii qulqullaa'aas waamaa! Jaarsoliidhaa fi warra biyyicha keessa jiraatan hundumaa, mana Waaqayyo gooftaa keessaniitti walitti qabaa! Gara Waaqayyoottis iyyaa!
¹⁵ Wayyoo! Guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera! Maal guyyaan sodaachisaan akkasii! Inni isa hundumaa danda'u biraa akka balleessiitti in dhufa.
¹⁶ Utuma nuyi ilaalluu nyaati akkuma dhibe, akkasuma gammachuunii fi ililleen mana Waaqayyo keenyaatii dhibeera mitii ree?
¹⁷ Sanyiin kaboota jalatti tortoree, midhaan waan badeef, gombisaan in one, gumbiin in caccabe.
¹⁸ Saawwan waan dheedan waan dhabaniif, in mar'atu! Bushaayeen in joonja'u; hoolonni karri baay'eenis in dhiphatu.
¹⁹ Yaa Waaqayyo! Ibiddi iddoo dheedumsa horii waan fixeef, arrabni ibiddaas muka bakkee keessaa waan gubeef, ani gara keetti nan iyya;
²⁰ burqaan bishaanii waan gogeef, ibiddis iddoo dheedumsa horii waan fixeef, bineensonni caakkaa illee gara keetti in iyyu. Jedhe.