Updated on Mon, Aug 31 2020
Just it's Jesus:
💡💡💡Kutaa 1ffaa💡💡💡
GAAFFILEE WAA’EE YESUUS KIRISTOOS IRRATTI KA’ANII FI DEEBII ISAANII
1. Yesuus kiristoos dhuguma Waaqa yoo ta’e akkamitti du’uu danda’a? Waaqni ni du’aa?? (Yoh 
19:30, 1Qor 15:3)
 Eeyyeen Waaqayyo inni dhugaan hin du’u, harkaan qabamees hin fannifamu. Sababni isaas inni ifa homtinuu itti 
dhi’aachuu hin dandeenye keessa jiraata. 1Xim 6:16
 Gaaffii kanas deebisuuf Yesuus eenyu akka ta’ee fi maaliidhaan jechuunis maal isaatiin akka du’e beekuun 
barbaachisaa dha.
Yesus jechuun  sagalee Waaqayyoo isa foon uffatee namoota gidduu buufatee dha. Yoh 1:14
 Bifa Waaqayyoo inni ijaan hin mul’anne sun ittiin namootatti of mul’isee dha. Qol 1:15, Yoh 14:8-10 
 Waaqa ulfina isaa sana gadi dhiisee bifa garbummaa fudhachuudhaan, fakkaattii namummaatiin dhalatee waan 
hundumaanis nama ta’ee argamee dha. Fil 2:6-7
Akkuma keenya dhiigaa fi foon uffatee, seexana humna du’aa qabu balleessuu dhaaf isa nama ta’ee dha. Ibr 2:14
Akkuma nama kamiiyyuu (cubbuu irraan kan hafee) kan dadhabu, kan guddatu, kan dheebotu, kan nyaatu, kan 
rafuu fi kan kadhatu ture. Ibr 4:15, Luq 2:40
 Kana gaafa jedhamu garuu yeroo (si’a) tokko nama ta’ee yeroo tokko Waaqa ta’a jechuu utuu hin taane Waaqummaan 
isaas namummaan isaas qaamuma ykn dhagnuma tokko keessa jiraateeti. 
 Qol 2:9 “Guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kristoos keessa in jiraata”.
Yesus bifa lama (2) qaba .
✏✏✏Itti fufa✏✏✏
yaada keessan(comment) qabdan karaa @Ibsag fi @Chala12  nun gahu dandeessu.
@Tikseegaarii @Tikseegaarii
@Tikseegaarii @Tikseegaarii

💡💡💡Kutaa 2ffaa💡💡💡
A. Bifa waaqummaa==(Amala waaqummaa qaba.)
 Uumaa dha/creator  Waaqayyoodha. 1Yoh 5:20, Yoh 20:28
 Hunda beeka/omniscient  Ilma waaqayyooti. Yoh 5:18
 Hin du’u/immortal  Hafuura
 Hin dhalanne(hindhalatu)  Waan hunda danda’a/omnipotent
 Uumamuu uumama hundumaa dura ture (Aalfaa fi Omeegaa dha)
.Waaqayyo guddicha dha. Tit 2:13, Isa 9:6
B. Bifa namummaa== (amala namaa qaba)
- Ni dhalate - Ni guddate 
- Ni nyaate - Ni dadhabe
- Ni du’e - Ilma namaati. Mat 16:13
- Foonii fi lubbuu qaba (fedha, miiraa fi beekumsa qaba)
- Waggoota kuma lamaan dura kan tuffatame
- Waan hunda hin beeku. Mat 24:36
 Kanaaf waa’een du’uu Yesus yeroo dubbatamu bifa waaqummaa isaatiin utuu hin ta’in bifa namummaa 
isaatiin ta’uun dagatamuu hin qabu. Jechuunis Yesuus kan du’e hafuuraan utuu hin ta’in foon isaatiini dha. 
(1Phex 3:18, HoE 2:31) sababiin isaa Waaqayyo gonkumaa hin du’u, inni hafuura. 1Xim 6:16, Yoh 4:24
 Bifa waaqummaa isaatiin du’uu waan hin dandeenyeefis bifa namummaa isa du’uu danda’u uffatee mu’late. 
Ibr 2:14
✏✏✏Itti fufa✏✏✏
< Back to Home