Updated on Thu, Sep 24 2020
KIRISTOOLOJII
Kutaa Arfaffaa
Waaqummaa Kiristoos ( The Deity of Christ)
👉Barsiisi sobaa/Herecy Waaqummaa fi namummaa Yesuus ilaalchisee seenaa Waldaa kiristaanaa bara durii keessatti hedduun ka’anii turan. Haa ta’u malee, ganiinsa waaqummaa isaatu namummaa isaa caala.
👉Waaqummaa fi namummaan Yesuus haala mijaana isaa eeggateen eegamuu akka qabu barreestoonni Kakuu Haaraa baay’een isaanii wabii dha, barsiisa sobaa dhorkuuf.
👉 Wabiilee cimaan Gooftaa Yesuus Kiristoos Waaqa ta’uu ibsan amaloota Waaqummaa, Maqaa Waaqummaa, hojii waaqummaa, Waaqeffannaa Waaqummaa, akka Waaqatti waan isaaf ta’anii fi walitti dhufeenya isaa wajjinii kan akka Waaqaa ta'uu isaati.
👍Amaloota Waaqummaa Isaaf Ta’an:
1) Amaloota Addaa
a) Barabaraan jiraachuu (Eternal Being):-ilma ta’uun Yesuus kan barabaraatti sadan tokkummaa Waaqaa keessatti.Yesuus dubbatee ture akka Waaqa abbaa wajjiin turee fi Waaqa irraa gad dhufe(Yoh 1:1-3;6:33,41,50- 621, Rome.1; 20, Mat.3:11, Ibr.7:1-4).
b) Jalqabaa kaasee kan ture.(Pre –existence being). Yesuus ofii isaa dursee akka ture
dhugaa baheera. Akka Waaqa Abbaa biraa dhufe sirritti beeka.Kana jechuun maayiraam durbattii osoo hin dhalati dura akka ture dha. (Yoh.1:1-3,27- 30;16: 26-28;17:1-5; Luq 12:49-51, Mat.10:40,Yoh.6:38-57; 8:28).
c) Ofiin jiraachuu./Self Existence/. Ilmi Waaqa Abbaa fi Hafuura qulqulluun
jiraata. Akkasumas ilmi jireenya barabaraa kennuuf ga’aa waan ta’eef inni burqaa
jireenyaati. Ofii isaatii garuu humna qabeessa ta’ee bara baraan jiraata. Yaadni kun immoo Waaqa qofaaf kan ta’u dha (Yoh.1:4;5:21-26;14-
16;Ibr.7:16;1Yoh.5:11-12).
👍 Caaffata Qulqullaa’aan Waaqummaa Kiristoosiif Dhuga baha.
1. Jalqabatti akka Sagaleetti , akka Waaqaatti ture(Yoh.1:1;Fil.2;13,Mul.19:13)
2. Inni Waaqaa wajjin ture, Waaqa abbaa (Yoh.1:1)
3. Inni Waaqa, Ilma ture(Yoh.1:1;Rome.9:5,Ibr.1:8,1Yoh.5:20).
4. Inni Waaqa fooniin mul’ate dha(Yoh.20:28,1Xim.3:16,Qol.2:9;1:19)
5. Inni Waaqa guddaa dha(Isa.9;6, Far.45:6)
6. Inni Amaanu’el, Waaqayyo nuu wajjin jira(Isa.7:14;Mat.1:23)
7. Inni sagalech foon uffatee dha(Yoh.1:14-18)
8. Inni Waaqa dhugaa dha ( Yoh.5:20,Tito 2:14;Rome 9:5)
9. Inni Waaqa Guddaa dha (Tito 2:13)
10. Inni Waaqaa fi fayyisaa keenya( 2Phex.1:1)
11. Inni osoo foon uffatee hin dhufin dura Waaqa abbaa waliin walqixa ture(fil.2:5-7)
12. Innii Waaqa isa ogeessa(Yihudaa.25)
👍Waan hundumaa danda’uu(Omnipotent).
Ilmi humna hundaa olii qaba. Inni uumaa fi eegaa biyya lafaa ti(qol.1:17;Efe.3:9;Ibr.1:10;Mul.3:14;Yoh.1:3,10).
1. Inni samii keessatti humna qaba( Mat.28:18)
2. Inni ardii irratti humna qaba(Yoh.17:2)
3. Inni uumama hundaa irratti humna qaba(Mat.8:23-27)
4. Inni hafuura hamaa hundumaa irratti humna qaba(Luq.4:35-41)
5. Ergamtoota hafuura hamaa hundaa irratti humna qaba(1Phex.3:22,Efe.1:20-22)
6. Inni waan hundumaa irratti humna qaba(Ibr.1:3)
f. Waan hundumaa beeka(Omniscient) .Ilmi akka Waaqummaatti waan hundumaa beeka.Wanti fuula isaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru (Yoh.16:30;2:24-
25;Qol.2:3;Yoh 14:16-19;21:17;Ibr.4:12-13;Mul.2:23)
g. Bakka hundumaatti argamuu(Omnipresent) :- Ilmi yeroo tokkotti bakka hundumaatti argama. Sababa amala kana qabuuf , saba isaa iddoo kamittiyyuu maqaa isaatiin walitti qabaman giddutti argama(Mat.18:20;28:20,Yoh.3:13,Efe.1:23,1qor.1:2;5:4)
h. Hin jijjiiramu(Immutable).Ilmi hin jijjiiramu yoomiyyuu,kaleessas .har’as ,boris sanuma(IBr.1:12,13:8,Far.102:26-32)
i. Dogongora hin qabu tasumaa(Infallible).ilmi yoom illee hin dogongoru.Waaqa qofa tasumaa kan hin dogogore. (Yoh.12:44-50;14:6).
👍 Amala Naamusaa /Moral Attributs/
a) Sirriitti qulqulluu dha /Perfect holiness/ Ilmi Waaqayyoo guutummaa guutuutti
qulqulluu dha. Namas ta’ee qulqulluu kan ture isa qofa lafarratti(luq.4:34;Hoe.4:27-
30;1Phex.2:22)
b) Guutummaatti sirrii dha. Ilmi waaqayyoo gooftaa waan sirrii hundaa ti.(Erm.23:5-
6;1Qor.1:30;Ibr.1:9;1Phex.2:22)
c) Sirriitti Jaalala./Perfect Love/ Ilmi Waaqayyoo sirriitti jaalala. Kun immoo amala Waaqummaatti.Namoonni jaalala qabaachuu danda’uu;Waaqni garuu jaalala(Yoh.15:9-10,1Yoh.4:7-8;15-16)