Updated on Wed, Mar 10 2021
Gosota networki Mobaayili          telekoomi

Netwoork jechuun akka termii afaan teekinoolojitin yommu meeshaalen networki bifa sararaf shiboo(cable) fayyadamuun ykn bifa sarara maletiin (wireless) wal qunaman network jechuudhaan ibsina. Wal qunnamtiin kunis meeshaale lamaaf isaa ol giddutti jechuudha.
Telekoom jechuun maal jechuudha ?
Jalqaba irratti jechi tele jedhu distance ykn fageenya jechuudha, kana jechuunis wal qunnamti fageenya irratti tahuu dandahu jechuudha, kanaafis telecommunication jedhame. Telekoomi kanaanis (sagalee,sursagale,text barreefama,multimedia) dadabarsun ni dandaahama.
Gosoota neetworkii telekoomi
Neetiwoorkiin telekoomi yeroo yerootti jijirama arifataa agarsisa dhufeera, jijirama kanaanis yeroo yerootti saffisa haaraafi mogaasaa haaraatiin mulacha jira.
Neetwoorkii jalqaba teleekoomi
(1G) – 1st generation network
Gosti netiwoorki kun analogi signaalii qofa , bakka baayyee waliin gahuus hin dandahu ture ,kan adda isa godhu jalqabbii wireless communication isa jalqabaa ture.
TACS : – Total access communication system
2G neetworkii
1G irraa fooyyeessuun anaaloogii qofa kan ture dijitaal signaalii yeroo jalqabaaf bu’urreffamee kunis GSM (Global system for mobile telecommunication) jedhaamuun beekame. Akka adunyaattis waan irrati wali galameef fageenya irratti ittin dubachuun dandaahameera.CDMA :- (Code Division Multiple Access) jedhama biyyota akka USA kessatti baayye beekamadha.
2.5G neetworkii
Neetwoorkii 2G irratti foyyahuumsa fiduun teekinooloojii GPRS jedhamuu itti dabalan (General Packet Radio Service), yeroo jalqabaatiif bilbila harkaatiin interneeti fayyadmuuun dandaahaame jechuudha, dadhabinni isaa garuu saffisiisaa xiqqo ture. Mobaayila irrattis qubee G jedhuun data saaqa jechuudha.Saffisi isa 56-64kb/ps dha.
2.75G neetworkii
Saffisi data 2.5G xiqqoo waan tureef foyyeessudhaan 2.75G jechuun moggahee, kanas mogaasa maqaa (EDGE) jedhuun beekame (Enhanced Data Rates For GSM Evolution) jedhama. Kunis yommu data saaqtan qubee E fayyadama jechuudha. Saffisi isaa 170kb/ps dha.
3G neetworkii
UMTS jedhamuun as bahee ( Universal Mobile Terresterial/Telecommunication System) jedhama teekinoloojin jenereshinii darban keessa jiru hundumaa kessa jira , kan adda isa godhu saffisa haara qabaachuu isaati, akkasumaas meshaalen 3G mijeessan haaraa tahu isaaniti , saffisi isaas 384kb/ps dha jechuudha. Jalqabaatiif vidiyoo kooll gochuun dandahaame jechuudha.
WCDMA – Wide Band Code Division Multiple Access jedhamuun beekame.
3.5G neetworkii
HSDPA jedhamuun as bahee ( High Speed Downlink Packet Access) jedhama sababi isaas fayyadamtoonni bayyeen downloaditi dhimma waan baahaaniif jechudha.
3.5G neetworkii
HSDPA jedhamuun as bahee ( High Speed Downlink Packet Access) jedhama sababi isaas fayyadamtoonni bayyeen downloaditi dhimma waan baahaaniif jechudha.
HSUPA jedhamuun as bahee ( High Speed Uplink Packet Access) jedhama sababi isaas fayyadamtoonni bayyeen downloaditi dhimma waan baahaaniif jechudha.Saffisi lamaan isaaniyyu 2mb/ps dha jechuudha.
3.75G neetworkii
HSPA+ jedhame (High Speed Packet Access) saffisa guddaas qaba, yommu daataa saqtan H+ jechuun isiniif bana jechuudha.
3.9G/4GLTE neetworkii
LTE – (Long Term Evolution) sababni isaas gosotnii saffisa addaa addaa yeroo yerootti waan foyyessun dandaahameef jechuudha saffisi 4G netwoorkii 1Gb/s stationary users fi 100mb train users jedhama.
5G neetworkii
Gosti netwoorkii kun bara 2020 biyyotnii baayye fayadamuu eegalu jedhamee abdatamuudha, biyyotnii tokko dursani fayadamuu egaalaniiruu ,saffissi isaas ajaahiba 5gb/s.
< Back to Home