AFRAN QALLOO☆☆☆☆☆☆☆☆☆Afran Qalloo jechuun dhala Oromo ilmaan Bareentumaa(Bareentoo) kan baha Oromiyaa Harargee keessa qubatee jiraatu jechuudha.Afran Qalloo yeroo jennu afran ilmaan Qalloo jechuudha. Isaaniis 1.Daga 2. Oborraa 3. Ala 4. BaabbileIlmaan Qalloo afran kana yeroo yaaman Afran Qalloo jechuun waliin yaamaman.Gama biraatiin immoo Afran Qalloo jechuun akka ummata bal'aa jechuuti. Ummatuma addunyaa guutuunuu Afran Qalloo ja'anii yaamuu turan abbootiin teenya.Pirofeesar Mahdii Haamid Muudee(Abbaa Barsiisaa) haaswa waltajjii takkarratti taasisaniin akka armaan gadii kanatti ibsee ture. Ummata hedduu walitti bahee heddummaate kan baayyina isaa takkaa hin arkine yeroo arkan 'Afran Qalloo wayi lafarratti hafee asuma jiraa' jedhanii ibsan. Nama jabaa humna qabu qajila qaama nyaqii yeroo arkanillee aboo kun Afran Qallumaa mii ja'aniin.Afran Qalloo akka jaarmaya hawwisootti magaalaa Dirre Dhawaa keessati sirna gabroomfataa mootummaa nafxanyaa Hayilasillaassee mormuu, eenyummaa Oromoo addunyaatti ibsuu fii aadaa Oromoo guddisuuf kan bu'ureeyfamee gad dhaabbateedha. Namoota hawwisoo kana keessa turan keessaa beekkamoon hedduudha. Isaan keessaa aartii Oromoo sadarkaa addunyaatti kan mullisee beekkamtii Oromoo fi ifiisaallee kan arkate tokko weellisaa keenya jaalatamaa fi kabajamaa Dr.Alii Birraati. Artistoota hedduutu bu'ura jaarmaya Afran Qalloo keessatti biqilee Oromiyaaf firii gaarii tahe.HAWWISOO AFRAN QALLOO1954n Abubaker Muussaa ................. walaloo Usmaail Muummed................ Yadaloo Suleeymaan Yuusuf................... Jaaz Ali Shabboo ................................ Giitaara Abdulhamid Ahmed boru ........ Akkordiyoo Mohammed Yuusuf........... Sagaleen fi modelisti Ali Ahmed / Tuchee.......... Sagaleen/Akkordiyo Saalih Mohammed ....................... Sagaleen Abdurahmaan Yusuf..................... Sagaleen Yonis Abdullaahii ......................... Sagaleen Abdi Sigarraan .............................Sagaleen Ali Birraa/Ali Mohammed Muussaa..... SagaleenAbdi saksifoonfii Abubakar Mohamad fi k.k.f nijiran Fannaanni Afran qalloo kan yeroo sanaa Mohammed Yusuf tahuun beekkama !!!�Nama muraasa akka fakkeenyaatti fudhanne malee joolleen AFRAN QALLOO hangana qofaa miti.HUNDEEYFAMA AFRAN QALLOOHacuuccaa hamaa keessa kan ture ummanni Oromoo, naannoo Dirre Dhawaattis akkasuma ture. Sabaa fi sablammoonni akka Amaaraa, Sumaalee fi Hararii wayita baandii mataasaanii qabaatan Oromoon garuu baandii wayiituu hinqabu ture. Kanarraa kan ka'e, wayita cidhaa fi sagantaa adda addaa, uummanni Oromoo Dirre Dhawaa fi naannoo sanaa baandii kan Sumaalee ykn kan Hararii waamuf dirqamu ture, baandin warra Amaaraa Oromoof tuffii guddaa waan qabuuf waamun hin yaadamu ture.Kanarraan ka'uun, namonni quuqama qaban muraasni ijaaramanii baandii Afran Qalloo bara 1962 hundeessan. Afran Qalloo maqaan jedhu kan dhufe ilmaan Qalloo arfan jechuunis Alaa, Baabbilee, Dagaa fi Oborraa irraa yoo ta'u kunis maqaa gosoota Oromoo naannoo Dirre Dhawaa jiraataniiti.Sirboota Afaan Oromoo jalqabaaf dhandhamee kan arge ummanni Oromoo naannoo Dirre Dhawaa, sirbi Afaan Oromoo akkuma warra kaanii bareedaa ta'uu wayita hubatu, aarii guddaa ummata keessati uume sabaabinsaas sirni fiwudaalaa carraa akkamii akka isaan dhowwate waan hubataniif.Baandiin Afran Qalloo baandii ammayyaawaa fi bilchaataa ture. Hojiin Afran Qalloo akka baandiitti wallee qofa odoo hin taane tiyaatirallee hojjachaa ture. Tiyaatirri kun baayyensaa hacuuccaa sirni habashootaa ummata Oromoorran gayaa ture kan balaaleyfatuu fi irratti qabsawwee qabseeysisu ture.Sirni nama nyaataa habashootaa kan eenyummaa Oromoo awwaaluu fi guutummaatti balleeysuuf wixxifachaa ture suniis baandii kana guututti niin cufa, isaanumaahuu niin dhabamsiisa jechuun isaan doorsisuu, sodaachisuu fi hiraarsuu eegale.Dhaadannoolee gabroomfataa kanaan cufamuusaa kan sodaatan maanguddoonni keenya baandin Afran Qalloo sirba Hayilasillaasee faarsu akka weellisan kadhatanii baandii kana dii . Haala kanaan baandin sirba mootii fiwudaalaa faarsullee baasee ture.Hawwisoon Afran Qalloo yeroo muraasa booda mootummaa nama nyaataa abbaa irreefi dhaalaa kursii Habashaa Hayilasillaasetiin sossoohuun dhorkamee ugguramee ukkaamfama ture. Haalli hammaataanii fi hiraarsaan sun jiraatullee jaarsoliin biyyaa kan hawissoo kana deeggaranii jajjabeeysaa turanii fi miseensonni hawwisoo kanaa ni hidhaman, hangi hafees hedduun isaanii ni ajjeefaman. Kana keessaa gara jabummaan kan ajjeefame hayyuun hayyummaan isaa hoonga dabarte, gaazixeessaa, barreeysaafi walaleeysaa Abubakar Muusaa nama tokko. Seenaan Abuubakar Muussaa barreeyfamee dhumu. Ajjeechaa, hidhaa fi hiraarsaan jabaattuus sochiin hawwisichaa karaa seeraatiin labsamuun dhorkamus, sochiin karaa lafa jalaa daranuu jabaachuun ittuma fufe. Haaluma kanaan Afran Qalloon jabaatee hidda gad hidhatee Waldaya Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa waliin hariiroo uumee daran miila doriirfatee Oromiyaa wal gayee ture. Yoom kana qofa ree tattaaffii fi carraaqqii isaa ittuma fufeeti warra Sikkoo Mandoo birattiis ol bahanii hariiroo cimsanii qabsoo ummani Baalee geggeeysaa ture wajjiniis hariiroo uumuun Oromoo walitti firoomsuun tokkummaa jaaruu itti fufan.Gaafuma san karoorsanii addaan wal fuudhanii akkaataa saba kanaaf bu'aa guddaa buusuu dandayan irratti wal mariyachuun hangi tokko biyyatti hafuun hangi tokko ala bahuun sun faayidaa guddaa buufte. Qareeyyiin akka Ayub Abubakar fi Yonis Abdullaahii, gara Somaaliyaa deemuun diplomaasii cimaa uumuun Ambaasaddara Oromoo jabaa tahanii turan. Beekaa muudama Ambaasaddarummaa ummatuma Oromootu kenneefii ture. Somaaliyaa deemaniis hojii boonsaa hojjatanii turan. Osuma habashaan Afaan Oromoo raadiyoo cabsa jedhanii lakkii raadiyoo cabeehuu ni fayyisa(wal'aana) jechuudhaan sagantaa raadiyoo Afaan Oromootin biyya Somaaliyaa magaalaa Moqaadishoo keessatti hayyama mootummaa biyyattii irraa argachuun eegalan. Warri kaan kan akka Dr Alii Birraa, Alii Shabboo, Usma'ilee Mummad, Mahammad Yusuuf, Saalaa Mahaammud, Shantam Shibbisaa fi kkfsagalee miidhagaa fi walaloo nama booji'uun wallee ittuma fufuun uummata Oromoo gabrummaa jala ture tokkummaan akka ka'u kakaasu itti fufan. Dr Alii Birraa waggoota 50 dura "barnoota barnoota kana tahuu qaba kaayyoon Oromootaa" jechuudhaan sadarkaa addunyaatti dorgomaa fi injifataa akka taanuuf hegeree gaarii fi qaroomina saba Oromoof akeekanii turan. Hojiin artii aadaa, duudhaa fi eenyummaa bira dabree siyaas-diinagdee fi hawaasummaas akka dabalatuu fi hegeree sabaatiif murteessaa akka tahe akeeka nutti agarsiisanii dhaloonni qubee akka qaramee bahuuf gumaacha olaanaa lafa kaayanii turan.YAADANNOOWWAN AFRAN QALLOOYaadannoo Waggaa 50 ffaaBara 2012tti, hawwisoon kun ayyaana waggaa 50ffaa hundeeffama hawwisoo kanaa baha Oromiyaa magaalaa seena qabeeytii Afran Qalloo kan taate Dirree Dhawaatti kabajatee jiraachuu seenaatu galmeeysee jira. Yeroon sun kan akka barbaadamutti namaaf hin hayyamne tahuus seenaa fi eenyummaa Afran Qalloo akkuma dandayemetti kabajuun dhalootaaf dabarsanii laatanii jiran. Akkasumas Oromoonni biyya ambaa jiran Ameerikaa fi Kanaadaa keessatti kabajaniiru.Torbaan Afran QallooTorbaan Afran Qalloo torbaan kana guutuudha. Sambata kanarraa hanga guyyaa Konsartii Galma Barkumeetti qoohaawuutti itti fufa jechuudha.Yeroo ammaa Amajjii 2019 simannaa Artistootaa, hangafootaa, bu'ureeysitoota fi jajjabeeysitoota(ilmaan isaanii kan Dhaloota Qubee) kan biyya ambaa turanii gara biyya keenyaa dhufaniin baga nuuf dhuftan jechuufi beekkamtii hojii isaanii kennuufi dhaloonni akka itti fufu taasisuuf Galma Barkumeetti konsartiin addaa qopheeyfamuudha.Sagantaa kanarrattis Artistoonni beekkamoon akka Aadam Haarun, Alii Shabboo, Kitaabsaa fi barreessaa Jaafar Alii faa dabalatee namoonni hedduun Afran Qalloo biqilchite ni arkaman jedhamanii eegamu.Qeeyroo fi Qarreen Oromiyaa mararraa, Rogeeyyiin Oromoo beekkamoon, Hayyoonni beekkamoo fi Hogganoonni olaanoon Mootummaa Federaalaa fi Oromiyaas ni argamu jedhamee eeggama.Sagantaan kun akkuma gaafa duraa san dukkana keeysa taa'anii lubbuu kennanii ummataaf ifaa tahaa turanitti ammas tokkummaa uumuu fi gad jabeeysuun Oromoo, Oromiyaa fi Oromummaa walitti baysuun Tokkummaan akka sibiilaaf hadiidaa bu'ursuuf kan yaadameedha.Gara fuulduraattis sagantaan kun itti fufee bakka adda addaatti ni qophaawa jedhamee eeggama.==============//==================Barento Mohammed, Amajjii 2019